1 Worra Qorontoosii1gax_twf

1Ana Phawuloosii fedha Waaqaatiin ergamaa Yesuus Kiristoosii akka te'uuf waamamee fi obboleessa keenna Sostenees irraa:2Wolde'a kiristaanaa ka Waaqaa ka qachaa Qorontoosii keessa jiruuf, worra Yesuus Kiristoosiin woyyoontanee fi ka isaa te'iisaafwaamantane, akkasuma isaanii fi nu'uuf Goottaa ka te'e, worra maqaa Goottaa keenna Yesuus Kiristoosii addee gara garaatitti waammattanu maraaf:3Waaqi Abbaan keennaa fi Goottaan keenna Yesuus Kiristoos badhaadhaa fi nageya isiniif kennu.

Waaqa Galateeffachuu

4Waaqi karaa Yesuus Kiristoosiitiin badhaadha ifii waan isinii kenneef ani yennaa maraa isa galateeffadha.5Isin Kiristoosiin waan maraan waan dubbattanuu fi beekkumsaan duroontaneertan.6Wonni nuuti marroo Kiristoosiitiif dhugaa baane, isin biratti hidda horattee jabaatteerti.7Tanaaf mudhatiisa Goottaa keenna Yesuus Kiristoosii adoo eeggattanuu, Kennansi Ayyaanaa tokkolle isin irraa hin dhidhanne.8Haga guyyaa dhufa Goottaa keenna Yesuus Kiristoosiititti worra komii hin qanne teetanee akka jiraattanu, inni jabaattanee akka jiraattanu isin tolcha.9Ilma isaa Goottaa keenna Yesuus Kiristoos woliin, tokkummaa akka qabaattanu ka isin waame Waaqi addatama'a.

Gargar Bayiisa Wolde'a Kiristaanaa Keessa Jiru

10Obboleeyyan tiyya, gargar bayiisi odduu teessanitti hin jiraatin; isin duudiin waan dubbattanutti akka wolii galtanu, yaadaa fi akeettii takka'aan jabaattanee akka leetanu maqaa Goottaa keenna Yesuus Kiristoosiitiin isin gorsa.11Obboleeyyan tiyya, wol dhabi odduu teessanitti akka jiru, maatiin Kilo'ee natti himaneeran.12Kunille isin tokkoon tokkoon keessan, «Ani ka Phawuloosii ti»; ka dhibiin, «Ani ka Apholoosii ti»; kuun, «Ani ka Pheexroosii ti»; ka biraa, «Ani ka Kiristoosii ti» jettan.13Kiristoos gargar qoodameeraa ree? Fannoo irratti isiniif ka du'e Phawuloosii? Yookiin isin maqaa Phawuloosiitiin cuuphantanee?14Kiriisphosii fi Gaayos malee, isin keessaa nama tokkolle waan hin cuuphiniif ani Waaqa galateeffadha.15Tanaaf nami tokkolle, «Maqaa Phawuloosiitiin cuuphantaneertan» jedhiisa hin dande'u.16Ee, ani Isxifaanosii fi maatii isaalle cuupheera; kana malee nama dhibii ka cuupheeru hin qaabadhu.17Kiristoos akka ani Oduu Gammadaa lallabuuf ana erge malee, akka cuuphuuf na hin ergine. Fannifamuun Kiristoosii akka hunna hin dhanne, Oduu Gammadaa ka lallabaaru qarummaa namaatiinii moti.

Kiristoos Hunnaa fi Qarummaa Waaqaa ti

18Ergaan fannifamuu Kiristoosii worra baduuf gowwumma'a; nu worra fayyuuf ammoo hunna Waaqaa ti.19Barreeffama Woyyicha keessatti,«Ani qarummaa worra qaroole'ee hin balleessa;beekkumsa beekkole'eelle gatii hin dhoogga» jedha.20Maarre qaroon meet? Beekaan guddaan hore eessa jira? Ka waan lafa tanaa qorqoru hore meet? Waaqi qarummaa lafa tanaa gowwummaa tolchee hin jiruu?21Waaqi akka worri lafa tanaa qarummaa ifiitiin isa hin beenne waan godheef, barsiisa akka gowwumma'aatitti laakkowamu ka nuuti lallannu worra dhugeeffatu fayyisiisaaf fedhii Waaqaa te'eera.22Yihudooti bilbaasa dhagguu fedhan, Giriikootille qarummaa barbaadan.23Nuuti ammoo Kiristoosii fannifame lallanna. Kun Yihudootaaf gufu'uu, worra Yihudoota hin te'iniifille gowwumma'a.24Ammoo worra Waaqi waame, worra Yihudootaatii fi worra Giriikootaatiif Kiristoos hunna Waaqaatii fi qarummaa Waaqaa ti.25Wonni gowwummaa Waaqaa fakkaattu qarummaa namaa hin caalti; wonni dadhabbii Waaqaa fakkaattulle hunna nama hin caalti.26Obboleeyyan tiyya, yennaa Waaqi isin waame nama attamii akka teetane qaabadha'a. Akka yaada namaatitti isin keessaa worri hedduun qaroolee, yookiin jajjaba, yookiin worra gugurda'aa moti.27Waaqi ammoo qaroolee qaanessu'uuf, worra biyya lafaatitti akka gowwoole'ee laakkowamanu fowate; worra jajjaba qaanessu'uuf worra biyya lafaatitti akka dadhaboole'ee laakkowamanu fowate.28Waaqi, waan worra biyya lafaa biratti barbaachisa'a jedhamee ilaallamu akka hin jirre godhiisaaf, waan biyya lafaatitti gadi qabamee fi tuffatamee, woyittuu hin laakkowanne fowate.29Eennulle fuula Waaqaa duratti akka ifi hin jajneef inni tana godhe.30Isin ammoo Waaqi akka Kiristoos woliin tokkummaa qabaattanu godhe. Tanaaf Waaqi, akka Yesuus Kiristoos qarummaa teenna, balchummaa teenna, woyyumma'aa fi wodoo keenna te'u godhe.31Maarre Barreeffam Woyyichi, «Ka ifi jaju Gootta'aan ifi jajuu ti» jedha.