Kolbaa Israa'elii Ta Boojuu Irraa Deebite
1Maarre kolbaan Israa'elii marti akka hidda dhaloota isaaniititti kitaaba mootota Israa'elii keessatti barreeffamane. Kolbaan Yihuda'aa sababa addatamiisa dhabiisa ifiitiif booji'antee gara biyya Baabilonii fudhatante.2Worri qara gara lafa ifiitii fi qachoota ifiititti deebi'ee qubate, Israa'eloota garii, hayyoota, Lewwootaa fi tajaajiltoota Galma Waaqaa ti.3Sanyii Yihuda'aa, sanyii Beniyaaminii, sanyii Efreemiitii fi sanyii Minaase'ee keessaa worri Yerusaalem keessa le'ane asii gad jiran:4Sanyii Faaresii ilma Yihuda'aa keessaa Utaayii ilma Amiihudii ti. Amiihudii ka Omirii, Omir ka Iimrii, Iimrii ka Baanii ti.5Sanyii Shiiloonii keessaa: Ilma isaa angaficha Asaayaa fi ilmaan isaa ti.6Sanyii Zeraa keessaa: Yewu'el. Kolbaan Yihuda'aa namoota dhibba jaa fi sagaltama.7Sanyii Beniyaaminii keessaa: Sa'aaluu ilma Meshulaamii ti. Meshulaam ka Hodaawiyaa, Hodaawiya ka Hasenu'aa ti.8Ilma Yerohaamii Yiibneyaa, akaakoo Miikrii, ilma Uzii Elaa, abuuboo Yiibniya'aa, akaakoo Rewu'elii, ilma Shefaaxiya'aa Meshulaam.9Kolbaan Beniyaaminii akka hidda dhaloota isaaniititti dhibba sagalii fi shantamii jaa. Isaan kun marti sooressitoota maatii ifii ti.10Hayyoota keessaa: Yedaa'iyaa, Yoyaariib, Yaakiin,11ilma Hilqiiya'aa Azaariya'a. Azaariyaan ka Meshulaamii, Meshulaam ka Zaadoqii, Zaadoq ka Meraayootii, Meraayoot ka Ahiixubii ti. Ahiixub itti gaafatamaa hujii Galma Waaqaa keessaa ti.12Adaayaan ilma Yerohaamii ti. Yerohaam ka Phashihurii, Phashihur ka Malkiiya'aa ti. Ma'aasayaan ilma Adii'elii ti. Adii'el ka Yaahizera'aa, Yaahiizera ka Meshulaamii, Meshulaam ka Meshiilemii, Meshiilem ka Iimerii ti.13Hayyooti sooressitooti maatii isaanii kuma tokkoo fi dhibba torbaa fi jaatama; isaan kun worra jajjaba hujii Galma Waaqaa keessaa hujuu dande'u.14Lewwoota keessaa: ilma Hashubii Shemaa'iya'a. Hashub ka Azriiqaamii, Azriiqaam ka Hashabiiya'aa ti.15Baqbaqar, Heresh, Gaalaal, ilma Miika'aa Mataaniya'a. Miikaan ka Ziikrii, Ziikri ka Asaafii ti.16Obaadiyaa ilma Shemaa'iyaa ti. Shemaa'iya ka Gaalaalii, Gaalaal ka Yedutuu ti. Berekiiyaa ilma Aasa'aa ti. Aasaan ka Elqaana'aa ti. Elqaanaan ka olloota Netofaatotaa keessa le'e.17Eeddoti karraa: Shaalum, Aquub, Talmoon, Ahimaanii fi fira isaanii ti; Shaalum sooressaa isaanii ti.18Isaan haga adhaa karra karaa aduun baatuu ta mootichi ittiin ol seenutti ramadamaneeran; isaan eeddota quttuma Lewwootaa ti.19Abuuboon Qoree akaakoon Ebiyaasaafii ilmi Qoree Shaalumii fi firooti abbaa isaa Qoraahoti, akkuma abbootiin isaanii seensuma Dunkaanii Woldeenna'aa eegiisaaf itti gaafatantoota te'ane, isaanille hujii Galma Waaqaa keessaatitti itti gaafatantoota.20Ilmi Ele'azaarii Fiinehaas dur itti gaafatamaa eeddota karraa ti; Mootiin Waan Maraalle isa woliin jiraayyu.21Seensuma karra Dunkaanii Woldeenna'aa ka eegu ilma Meshelemiya'aa Zakaariyaas.22Worri seensuma karra Galma Waaqaa eegiisaaf filame, wolumatti dhibba lamaa fi kudhanii lama. Isaan akka hidda dhaloota isaaniititti olloota ifii keessatti barreeffamane. Isaan kun akka isaan karra eeganu worra Daawitii fi raagichi Saamu'el ramadane.23Isaanii fi sanyiin isaanii itti gaafatantoota karra Galma Waaqaa ka Dunkaanii Woldeenna'aa ti.24Worri karra eegu maddii arfaniinuu karaa aduun baatuun, karaa aduun seentuun, kaabaa fi kibbaan jiraniiyyu.25Worri fira isaanii ka ollaa isaanii keessa jiranu yennaa yenna'aan dhufanee guyyaa torbaaf isaan woliin eeganiiyyu.26Sooreyyiin Lewwootaa arfan eeddoti karraa, kolloota Galma Waaqaatii fi addee mey Galma Waaqaa itti maffamu addatamumma'aan eeganiiyyu.27Galma Waaqaa eegiisaaf, ganama ganamalle karra baniisaaf, itti gaafatamummaa furtu'uu waan qabanuuf, isaan adaala Galma Waaqaa bulaniiyyu.28Lewwooti gariin itti gaafatantoota meya Galma Waaqaa keessaa ti; isaan meya yennaa itti fayyadamanu laakkowanee baasanee yennaa galchanulle laakkowanee massan.29Lewwooti kuun meya gara garaa, meya woyyicha mara, bullaa qamadi'ii dansaa, daadhii woyni'ii, zayitii, hixaanaa fi uddowaa adda addaa irratti itti gaafatantoota te'ane.30Hayyoota keessaa gariin ammoo, uddowaa wolitti makiisaaf itti gaafatantoota te'ane.31Lewwoota keessaa Matiitiyaan ilmi angafichi Shaalumii firri Qoraahii addatamaa waan te'eef, itti gaafatamaa daabboo kennansaaf bilcheessanuu ti.32Fira isaanii fira Qehaatii keessaa gariin, Sanbata Sanbata daabboo xarapheessaa irra keyantu qopheessiisaaf itti gaafatantoota te'ane.33Worra Lewwootaa keessaa sooressitooti maati'ii, faarsitooti, halkanii fi guyyaalle waan tajaajilanuuf, hujii dhibii irraa bilisa te'anee, kolloota Galma Waaqaa keessa le'an.34Isaan kun martinuu, akka hidda dhaloota isaaniititti sooreyyii maatii Lewwi'ii, ka Yerusaalem keessa le'ane.Hidda Dhaloota Saa'olii Mootichaa
35Abbaan Giibe'onii Yeyi'el qachaa «Giibe'on» jedhamu ijaaree achuma le'e; maqaan niitii isaa Ma'aka'a.36Ilmi isaa angafichi Abdoon; ka itti aananu Zuur, Qiish, Ba'aal, Neer, Naadaab,37Gedoor, Ahiiyoo, Zakaariyaasii fi Miiklot.38Miiklot, Shime'aa uumate. Isaanille fira ifii bira Yerusaalem keessa le'ane.39Neer, Qiish uumate; Qiish, Saa'ol uumate; Saa'ol: Yonaataan, Malkiishuwaa, Abinaadaabii fi Esh-Ba'aal uumate.40Yonaataan, Meriib-Ba'aal uumate; Meriib-Ba'aal, Miikaa uumate.41Ilmaan Miika'aa: Phiiton, Melek, Taare'aa fi Ahaaz.42Ahaaz, Yaaraa uumate; Yaaraan: Alemet, Azmaawetii fi Ziimri uumate; Ziimri Mozaa uumate.43Mozaan, Biine'aa uumate; Biine'aan, Refaayaa uumate; Refaayaan, El'aasaa uumate; El'aasaan, Azeel uumate;44Azeel ilmaan jaa qaba; maqaan isaanii: Azriiqaam, Bokeruu, Ishimaa'el, She'ariyaa, Obaadiyaa fi Haanaan. Isaan kun ilmaan Azeelii ti.