1 Dabarsi'ii8gax_twf

Sanyii Beniyaaminii

1Beniyaamin ilma angaficha Belaa, ka lammeesso'oo Ashbel, ka sadeesso'oo Ahiiraa,2ka arfeesso'oo Nohaa, ka shaneesso'oo Raafaa uumate.3Ilmaan Bel'aa: Adaar, Geraa, Abiihud,4Abiishuwaa, Na'amaan, Aho'aa,5Geraa, Shefufaanii fi Huraam.6Sanyiin Ehudii sooressitooti maati'ii, ka Gebaa keessa le'ane, ka booji'amanee gara Manahaa fudhatamane:7Na'amaan, Ahiiyaa fi Gera'a. Geraan kun ka yennaa booju'uu san isaan sooresse; inni Uzaa fi Ahiihud uumate.8Shaharaayaam niitolee ifii Hushiimii fi Ba'araa lakkiseen duuba, biyya Mo'aabii keessatti ilmaan uumate.9Niitii ifii Hodeesh irraa: Yobaab, Ziibiyaa, Meshaa, Maalkaam,10Ye'uz, Saakiyaa fi Miirmaa uumate; isaan martinuu sooreyyii maatii isaanii ti.11Ammalle niitii ifii Hushiim irraa: ilmaan Abiitubii fi Elphaa'al uumate.12Ilmaan Elphaa'alii: Ebeer, Miishaamii fi Shemed. Shemediin kun ka qachaa Onootii fi Lodii olloota adaala isaanii jiranulle ijaare.13Berii'aa fi Shemaan, sooressitoota maatii qachaa Ayalonii keessa le'anuu ti; isaan worra qachaa Gaatii keessa le'anu ari'anee baasane.14Ahiiyon, Shaashaaq, Yeremoot,15Zebaadiyaan, Araad, Ader,16Mikaa'el, Yiispha'aa fi Yohaan ilmaan Berii'aa ti.17Zebaadiyaa, Meshulaam, Hiizeqi, Heber,18Yiishmeraayi, Yiizlii'aa fi Yobaab ilmaan Elphaa'alii ti.19Yaaqiim, Ziikri, Zabdi,20Elii'enaayi, Ziiletaay, Elii'el,21Adaayaa, Beraaya'aa fi Shiimraat ilmaan Shime'ii ti.22Yiishphaan, Ebeer, Elii'el,23Abdoon, Ziikri, Haanaan,24Hanaaniyaan, Elaam, Antotiiya,25Yefdeya'aa fi Phenu'el ilmaan Shaashaaqii ti.26Shamsheraayi, Shehariiya, Ataaliyaa,27Yaa'areshiiya, Eliya'aa fi Ziikri ilmaan Yerohaamii ti.28Isaan kun akka hidda dhaloota isaaniititti sooressitoota maati'ii te'anee barreeffamanee, Yerusaalem keessa le'ane.29Yeyi'el abbaa Giibe'onii ka qachaa Giibe'onii ijaaree keessa le'e; maqaan niitii isaa Ma'aka'a.30Ilmi isaa angafichi Abdoon; itti aananee Zuur, Qiish, Ba'aal, Neer, Naadaab,31Gedoor, Ahiiyoo, Zaakerii32fi abbaa Shime'aa Miiklot. Isaan kunille fuullee fira ifii Yerusaalem keessa le'ane.33Neer abbaa Qiishii ti; Qiish abbaa Saa'olii ti; Saa'ol: Yonaataan, Malkiishuwaa, Abinaadaabii fi Esh-Ba'aal uumate.34Yonaataan Meriib-Ba'aal uumate; Meriib-Ba'aal Miikaa uumate.35Ilmaan Miika'aa: Phiiton, Melek, Taare'aa fi Ahaaz.36Ahaaz, Yeho'adaa uumate; Yeho'aadaan Aalemet, Azmaawetii fi Ziimrii uumate; Ziimri, Mozaa uumate.37Mozaan, Biine'aa uumate; Biine'aan, Raafaa uumate; Raafaan, El'aasaa uumate; El'aasaan, Azeel uumate.38Azeel ilmaan jaa: Azriiqaam, Bokeruu, Ishimaa'el, She'ariyaa, Obaadiya'aa fi Haanaan uumate; isaan kun martinuu ilmaan Azeelii ti.39Ilmaan Obboleessa isaa Asheeqii: angafichi Ulaam, ka lammeesso'oo Ye'ush, ka sadeesso'oo Eliifelex.40Ilmaan Ulaamii loltoota jajjaboo, worra guube'een lolu. Isaan ilmaan heddu'uu fi ilmaan ilmaa isaanii hedduu wolumatti dhibba tokkoo fi shantama qaban. Isaan kun martinuu sanyii Beniyaaminii ti.