Sanyii Yisaakorii
1Ilmaan Yisaakorii afur: Tolaa, Phuwaa, Yaashubii fi Shimroon.2Ilmaan Tola'aa: Uzii, Refaayaa, Yerii'el, Yaahimaay, Yibsaamii fi Shemu'el; isaan loltoota gootota sooressitoota gosa maatii Tolaa ti. Bara mootummaa Daawitii keessa sanyiin isaanii kuma diddamii lamaa fi dhibba jaa.3Ilmi Uzii, Yizraahiya'a. Ilmaan Yizraahiya'aa: Mikaa'el, Obaadiyaa, Yo'elii fi Yishiiya'a; isaan shanan kun martinuu sooreyyi'i.4Isaan niitolee heddu'uu fi ilmaan hedduu waan qabanuuf, akka galmee hidda dhaloota maatii isaaniititti loltoota lolaaf qophowane, kuma soddomii jaa qabaniiyyu.5Gosa Yisaakorii mara keessaa akka barreeffama hidda dhaloota maatii isaaniititti loltooti jajjabi kuma saddeettamii torba.6Ilmaan Beniyaaminii sad: Belaa, Bekerii fi Yedii'el.7Ilmaan Belaa: Ezboon, Uzii, Uzii'el, Yeremootii fi Iiri; isaan shanan kun martinuu sooreyyii maatii abbaa isaanii ti; isaan akka galmee hidda dhaloota isaaniititti loltoota kuma diddamii lamaa fi soddomii afuri.8Ilmaan Bekerii: Zemiiraa, Yo'aas, Elii'ezer, Elyo'enaayi, Omiri, Yeremoot, Abiiyaa, Anaatotii fi Alaameti; isaan kun martinuu ilmaan Bekerii ti.9Akka galmee hidda dhaloota isaaniititti sooressitooti maatii abbaa isaanii, loltoota jajjaba kuma diddamaa fi dhibba lama.10Ilmi Yedii'elii Bilhaan. Ilmaan Bilhaanii: Ye'ush, Beniyaamin, Ehud, Kennaanaa, Zetaan, Tarshiishii fi Ahiishaahar.11Ilmaan Yedii'elii tun martinuu sooreyyii maatii abbootii ifii ti; sanyii isaanii keessaa loltooti jajjabi lolaaf qophowane kuma kudhanii torbaa fi dhibba lama.12Worri Shuphiimiitii fi Huphiimii sanyii Iirii ti; worri Hushiimii sanyii Aheerii ti.Sanyii Niftaalemii
13Ilmaan Niftaalemii: Yaahize'el, Guni, Yezerii fi Shaalum; Niftaalemiin kun ka Bilhaan deette.Sanyii Minaase'ee
14Ilmaan Minaase'ee: Asrii'elii fi Maakiir ka gursumeettittii biyya Sooriya'aa irraa uumate; Maakiir Giil'aad uumate.15Maakiir worra Huphiimiitii fi Shuphiimii keessaa niitii fuudhe; maqaan obboleettii isaa Ma'aka'a; ilmaan Maakiirii keessaa tokko Zelofehaad; inni ijoollee durraa qofa uumate.16Niitiin Maakiirii Ma'akaan ilma isaaf deettee, maqaa isaa «Pheresh» jette; maqaan obboleessa isaa Sheresh. Pheresh Ulaamii fi Raaqem uumate.17Ulaam Bedaan uumate; isaan kun sanyii Giil'aadii ilma Maakiirii, Maakiirii ilma Minaase'ee ti.18Obboleettiin Giil'aadii Hamoleket ilmaan sad: Ishood, Abii'ezerii fi Maahilaa deette.19Ilmaan Shemiida'aa: Ahiiyaan, Sheekem, Liikihii fi Aniiyaam.Sanyii Efreemii
20Sanyiin Efreemii: Efreem, Shutelaa uumate; Shutelaan, Bered uumate; Bered, Tahaat uumate; Tahaat, El'aadaa uumate; El'aadaan, Tahaat uumate;21Tahaat Zaabaadii fi Shutelaa uumate. Ezerii fi El'aad horii worra biyya Gaatii hatiisaaf yennaa gad bu'ane worri biyya sanii isaan ijjeese.22Abbaan isaanii Efreem guyyaa hedduu isaaniif gadde; worri isaa dhufee isa jajjabeesse.23Achiin duuba Efreem haadha manaa ifii woliin rafee, isiille ulfoottee ilma isaaf deette. Rakkinni maatii isaa waan dhaqqabeef, «Berii'aa» jedhee maqaa isa baase.24Maqaan intala isaa Sera'a; isiin qachaa Bet-Horoonii ka jalaatii fi ka gubba'aa, qachaa Uzen-Seraalle ijaarsitte.25Efreem, Refaan uumate; Refaan, Resheef uumate; Resheef, Telaan uumate; Telaan Tahaan uumate;26Tahaan La'adaan uumate; La'aadaan Amiihud uumate; Amiihud, Eliishaamaa uumate;27Eliishaamaan, Nun uumate; Nun, Iyaasuu uumate.28Lafaa fi qachoota sanyiin Efreemii keessa leete: qachaa Bet'eliitii fi olloota adaala isaa; karaa aduun baatuun qachaa Na'araanii; karaa aduun seentuun qachaa Gezeriitii fi olloota adaala isaa; qachaa Sheekemiitii fi olloota adaala isaa; qachaa Ayya'aatii fi olloota adaala isaa ti.29Karaa meessaa sanyii Minaase'eelle'een qachaa Bet-Shaanii, qachaa Ta'ana'aatii, qachaa Megidootii fi qachaa Doorii olloota adaala isaanii jiranu woliin. Sanyiin Yoseefii ilma Israa'elii qachoota kana keessa le'ane.Sanyii Asheerii
30Ilmaan Asheerii: Yiimnaa, Yishwii fi Berii'a; obboleettiin isaaniille Sera'a.31Ilmaan Berii'aa: Heberii fi Malkii'el; Malkii'el Biirzaawiiti uumate.32Heber ilmaan sad Yaafilet, Shomer, Hotaamii fi obboleettii isaanii Shuwaa uumate.33Ilmaan Yaafiletii: Phaasaak, Biimhaalii fi Ashiwaati.34Ilmaan Shomerii: Ahi, Rohigaa, Yehubaa fi Aaram.35Ilmaan obboleessa isaa Helemii: Zofaa, Yiimnaa, Sheleshii fi Aamaal.36Ilmaan Zofaa: Suwaa, Harnefer, Shuwaal, Berii, Yiimraa,37Bezer, Hood, Shamaa, Shiilshaa, Yitraanii fi Be'era'a.38Ilmaan Yeterii: Yofunee, Fiisphaa fi Era'a.39Ilmaan Ulaa: Araa, Hanii'elii fi Riiziiya'a.40Isaan kun martinuu sanyii Asheerii keessaa sooressitoota maati'ii, loltoota jajjaboo filamane, sooressitoota qondaaltota isaanii ti. Worri lolaaf qophowane, akka galmee hidda dhaloota isaaniititti, dhiira kuma diddamii jaa.