1 Dabarsi'ii6gax_twf

Sanyii Lewwi'ii

1Ilmaan Lewwi'ii: Gershoon, Qehaatii fi Meraar.2Ilmaan Qehaatii: Amraam, Yizhaar, Kebroonii fi Uzii'el.3Ijoolleen Amraamii: Aaron, Muuse'ee fi Miiryaam. Ilmaan Aaronii: Naadaab, Abiihuu, Ele'azaarii fi Itaamaar.4Ele'azaar Fiinehaas uumate; Fiinehaas Abiishuwaa uumate;5Abiishuwaan Buki uumate; Buki Uzi uumate;6Uzi Zeraayaa uumate; Zeraayaan Meraayoot uumate;7Meraayoot Amaariyaa uumate; Amaariyaan Ahiixub uumate;8Ahiixub Zaadoq uumate; Zaadoq Ahimaaz uumate;9Ahimaaz Azaariyaa uumate; Azaariyaan Yohaannaa uumate;10Yohaannaan Azaariyaa uumate; Azaariyaan kun ka hayyicha te'ee, Galma Waaqaa ka Solomoon Yerusaalemitti ijaare keessa tajaajile.11Azaariyaan Amaariyaa uumate; Amaariyaan Ahiixub uumate;12Ahiixub Zaadoq uumate; Zaadoq Shaalum uumate;13Shaalum Hilqiiyaa uumate; Hilqiiyaan Azaariyaa uumate;14Azaariyaan Seraayaa uumate; Seraayaan Yozaadaaq uumate;15Yennaa Mootiin Waan Maraa, kolbaa Yihuda'aatii fi Yerusaalemii harka Nebukadnezaariititti akka booji'antu godhe, Yozaadaaqille isaan woliin booji'amee deeme.16Ilmaan Lewwi'ii: Gershoom, Qehaatii fi Meraar.17Maqaan ilmaan Gershoomii: Liibnii fi Shime'i.18Ilmaan Qehaatii: Amraam, Yizhaar, Kebroonii fi Uzii'el.19Ilmaan Meraarii: Maahilii fi Mushi. Firri Lewwootaa akka fira abbootii isaaniititti ka asii gad jiranu.20Fira Gershoomii: Gershoom Liibni uumate; Liibni Yaahaat uumate; Yaahaat Ziimaa uumate;21Ziimaan Yo'aa uumate; Yo'aan Iddo uumate; Iddo Zeraa uumate; Zeraan Ye'ateraayi uumate.22Sanyii Qehaatii: Qehaat, Aminaadaab uumate; Aminaadaab, Qoraahi uumate; Qoraahi, Asiir uumate;23Asiir, Elqaanaa uumate; Elqaanaan, Ebiyaasaaf uumate; Ebiyaasaaf, Asiir uumate;24Asiir, Tahaat uumate; Tahaat, Urii'el uumate; Urii'el, Uziyaa uumate; Uziyaan, Shaawul uumate.25Ilmaan Elqaanaa Amaasaayii fi Ahiimoot.26Ahiimoot Elqaanaa uumate; Elqaanaan Sofaayi uumate; Sofaayi Naahaat uumate;27Naahaat El'aab uumate; El'aab Yerohaam uumate; Yerohaam Elqaanaa uumate.28Ilmaan Saamu'elii, angafichi Yo'el, ka lammeesso'oo Abiiya'a.29Meraar Maahil uumate; Maahil Liibni uumate; Liibni Shime'i uumate; Shime'i Uzaa uumate;30Uzaan Shime'aa uumate; Shime'aan Hagiiyaa uumate; Hagiiyaan Asaayaa uumate.

Faarsitoota Galma Waaqaa

31Saanduqi Gondooro'oo Galma Waaqaatitti galeen duuba, namooti mootichi Daawiti Galma Waaqaa keessatti itti gaafatantoota faarsitootaa akka te'anu godhe asii gad jiran.32Isaan haga bara Solomoon Yerusaalemitti Galma Waaqaa ijaareetitti, akkuma ajaja isaaniif kennameetitti, balbala Dunkaanii Woldeenna'aa duratti faaru'uun tajaajilane.33Namooti ilmaan ifii woliin tajaajilane asii gad jiran: Fira Qehaatii keessaa, faarfataa Hemaan; inni ilma Yo'elii ti; Yo'el ka Saamu'elii,34Saamu'el ka Elqaana'aa, Elqaanaan ka Yerohaamii, Yerohaam ka Elii'elii, Elii'el ka To'aa,35To'a ka Zuufii, Zuuf ka Elqaana'aa, Elqaanaan ka Mahaatii, Mahaat ka Amaasaayii,36Amaasaayi ka Elqaana'aa, Elqaanaan ka Yo'elii, Yo'el ka Azaariya'aa, Azaariyaan ka Sefaaniya'aa,37Sefaaniyaan ka Tahaatii, Tahaat ka Asiirii, Asiir ka Ebiyaasaafii, Ebiyaasaaf ka Qoraahii,38Qoraahi ka Yizhaarii, Yizhaar ka Qehaatii, Qehaat ka Lewwi'ii, Lewwiin ka Israa'eliiti.39Obboleessi isaa Asaaf, gara midda isaatiin dhaabbatee tajaajilaayyu. Asaaf ilma Berekiiya'aa ti; Berekiiyaan ka Shime'aa,40Shime'aan ka Mikaa'elii, Mikaa'el ka Ba'aseya'aa, Ba'aseya'aan ka Malkiiya'aa,41Malkiiyaan ka Etnii, Etni ka Zera'aa, Zeraan ka Adaaya'aa,42Adaayaan ka Eyitaanii, Eyitaan ka Ziima'aa, Ziimaan ka Shime'ii,43Shime'i ka Yaahaatii, Yaahaat ka Gershoomii, Geshoom ka Lewwi'ii ti.44Fira Meraarii keessaa worri gara bita'aatiin isaan woliin jiru: Etaanii ilma Qiishii ti. Qiish ka Abdii, Abdi ka Maluukii,45Maluuk ka Hashabiiya'aa, Hashabiiyaan ka Amaasiya'aa, Amaasiyaan ka Hilqiiya'aa,46Hiiqiiyaan ka Amzii, Amzi ka Baanii, Baan ka Shaamerii,47Shaamer ka Maahilii, Maahil ka Mushii, Mushi ka Meraarii, Meraar ka Lewwi'ii ti.48Lewwooti dhibiin, dunkaanii dhugaa bayaa ta Galma Waaqaa keessa hujii dhibii mara akka hujanu ramadamane.

Sanyii Aaronii

49Tajaajilaan Mootii Waan Maraa Muuseen akkuma ajajetti Aaronii fi sanyiin isaa, Israa'eliif gumaa cubbu'uu tolchiisaaf, hujii Addee Irra Caalaa Woyyittii keessatti hujantu maraaf, kennansa addee ciinca'aa irratti gubamuu fi kennansa addee hixaanni itti aarfamu irratti dhikaatuufille itti gaafatantoota te'ane.50Hiddi dhaloota sanyii Aaronii ta asii gad jirtu: Aaron Ele'azaar uumate; Ele'azaar Fiinehaas uumate; Fiinehaas Abiishuwaa uumate;51Abiishuwaan Buki uumate; Buki Uzi uumate; Uzi Zeraayaa uumate;52Zeraayaan Meraayoot uumate; Meraayoot Amaariyaa uumate; Amaariyaan Ahiixub uumate;53Ahiixub Zaadoq uumate; Zaadoq Ahimaaz uumate.

Lafa Lewwooti Qubatane

54Hixaan qaraa, sanyii Aaronii keessaa fira Qehaatiitiif waan bu'eef, latti isaaniif kennante ta asii gad jirtu:55Kutaa lafa fira Yihuda'aa keessaa qachaan Kebrooniitii fi latti tikaa ta adaala qachaa Kebroonii marti isaaniif kennante.56Latti ficha'aa ta adaala qachaa Kebrooniitii fi ollaan adaala qachaa Kebroonii ilma Yofune'ee Kaalebiif kennante.57Sanyiin Aaronii akka itti baqatanuuf qachooti isaaniif kenname: Kebroon, Liibnaa, Yaatiir, Eshtemo'aa,58Hiilen, Deebir,59Aashaanii fi Bet-Shemeshi lafa tikaa ta adaala isaanii woliin.60Qooda lafa fira Beniyaaminii keessalle'ee qachooti: Gebaa, Alemetii fi Anaatoti lafa tikaa ta adaala isaanii woliin isaaniif kennamane. Qachooti fira isaanii wolumatti qachoota kudhanii sad.61Fira Qehaatii worra hafeefille, qooda lafa gamisa fira Minaase'ee keessaa qachooti kudhan kennamaneef.62Fira Gershoomiitiif akka maatii maatii isaaniititti, kutaa lafa fira Yisaakorii, lafa fira Asheerii, lafa fira Niftaalemii keessaa, lafa gamisa fira Minaase'ee ta Baashaan keessaa keessalle'ee, qachooti kudhanii sad kennamaneef.63Fira Meraariitiifille akka maatii maatii isaaniititti lafa Ruubenii, lafa Gaadiitii fi lafa Zebuloonii keessaa qachooti kudhanii lama kennamaneef.64Akka kanaan kolbaan Israa'elii qachootaa fi lafa tikaa ta adaala qachoota sanii jirtu Lewwootaaf kennane.65Qachoota gosa Yihuda'aa, gosa Shimi'ooniitii fi gosa Beniyaamii keessaa ka maqaan dhowame kana hixaa buusiisaan isaaniif kennane.66Fira Qehaatii keessaa gariin, kutaa lafa gosa Efreem keessaa qachootaa fi lafa tikaa ta adaala qachoota sanii fudhataneeraniiyyu.67Isaan lafa koobittii Efreemii keessaa qachoota nami nama ijjeese itti baqatu Sheekem, Gezer,68Yaaqmi'aam, Bet-Horoon,69Ayalon, Gaat-Rimoon, lafa tikaa ta adaala isaanii mara woliin isaaniif kennamane.70Lafa gamisa gosa Minaase'ee keessaa, qachaa Aaneriitii fi qachaa Biile'aamii, lafa tikaa ta adaala qachoota sanii woliin fira Qehaatii worra hafeef kennane.71Gosi Gershoomii, kutaa lafa gamisa gosa Minaase'ee keessaa qachoota: Golaan ka Baashaan keessaatii fi Eshtaarot lafa tikaa ta adaala isaanii woliin fudhatane.72Lafa gosa Yisaakorii keessalle'ee qachoota; Qedeesh, Daaberaat,73Raamootii fi Aanem, lafa tikaa ta adaala isaanii woliin fudhatane.74Lafa gosa Asheerii keessaa qachoota: Maashaal, Abdoon,75Huqooqii fi Rehoob lafa tikaa ta adaala isaanii woliin fudhatane.76Lafa fira Niftaalemii keessalle'ee qachoota: Qedeeshii ka Galiilaa keessaa, Haamonii fi Kiriiyat-Aayim lafa tikaa ta adaala isaanii woliin fudhatane.77Gosi Meraarii worri hafe, lafa gosa Zebuloonii keessaa qachoota: Rimoonii fi, Taabor lafa tikaa ta adaala isaanii woliin,78laga Yordaanosiitiin gamaa, Yerikoo irraa karaa aduun baatuun, lafa gosa Ruubenii keessaa, qachoota goomolee keessaa Bezer, Yaahizaa,79Qedemootii fi Mefaat lafa tikaa ta adaala isaanii woliin fudhatane.80Lafa gosa Gaadii ka Giil'aad keessatti dhaggamanu keessalle'ee qachoota: Raamoot, Mahanaayim,81Heshiboonii fi Yaazer lafa tikaa ta adaala isaanii woliin fudhatane.