1 Seenaa5gaz_bib
Ruubeen
1Ruubeen Israaʼeliif ilma hangafa ture; taʼus sababii inni siree abbaa isaa xureesseef mirgi hangafummaa isaa ilmaan Yoosef ilma Israaʼel sanaatiif kenname. Kanaafuu inni akka mirga isaa kan dhalootaan argamuutti hidda dhalootaa keessatti hin galmeeffamne;2Yihuudaan obboloota isaa keessa nama jabaa fi kan mootummaan isa keessaa baʼe taʼu illee mirgi hangafummaa kan Yoosefii ti.3Ilmaan Ruubeen ilma Israaʼel hangaftichaa:Henooki, Faluusoo, Hezroonii fi Karmii.4Ilmaan Yooʼeel: Shemaaʼiyaa ilma isaa, Googi ilma isaa, Shimeʼii ilma isaa,5Miikaa ilma isaa, Reʼaayaa ilma isaa, Baʼaal ilma isaatii fi6Biʼeeraa ilma isaa kan mootiin Asoor Tiiglaat-Philneeser boojiʼee fudhatee dha. Beʼeeraan hoogganaa gosa Ruubeen ture.7Firoonni isaanii warri akkuma hidda dhaloota isaaniitti balbala balbalaan galmeeffaman kanneenii dha: Yeʼiiʼeel hangafticha, Zakkaariyaas,8Beelaa ilma Aazaazi, ilma Shemaa, ilma Yooʼeel.
Isaanis naannoo Aroʼeeri jalqabee hamma Neboo fi Baʼaal Meʼooniitti jiru keessa qubatan.9Isaanis sababii horiin isaanii Giliʼaadi keessatti baayʼateef karaa baʼa biiftuutiin hamma daarii gammoojjii kan gara laga Efraaxiisitti balʼatu sanaatti biyyattii qabatan.10Isaan jabana Saaʼol keessa Aggaariitti waraana kaasan; jarris harka isaaniitti moʼataman; isaanis iddoo jireenyaa warra Aggaar kan Giliʼaadiin gama baʼa biiftuu jiru guutumaan guutuutti qabatan.