1 Dabarsi'ii5gax_twf

Sanyii Ruubenii

1Sanyiin Ruubenii ilma angaficha Israa'elii isaan kana: Ruuben ilma angaficha; ammoo waan inni gursumeettii abbbaa ifii takka woliin rafee rifanoo abbaa ifii batteeseef, angafummaan isaa ijoollee Yoseefii obboleessa isaatiif kennante; tanaaf hiddi dhaloota isaa akka angafummaa isaatitti hin barreeffanne.2Yihudaan obboleeyyan ifii caalaa jabaa te'ee, bulchaan sanyii isaa keessaa dhufulle, angafummaan Yoseefiif kennante.3Ilmaan Ruubenii ilma angaficha Israa'elii: Henok, Faluu, Hezronii fi Karmi.4Ilmaan Yo'elii: Shemaa'iyaa, Googi, Shime'i,5Miikaa, Re'aayaa, Ba'aal,6Be'era ka mootichi Asoorii Tiiglaat-Phileeser booji'ee ideeme. Be'eraan sooressa fira Ruubenii ti.7Hiddi dhaloota maatii isaa gosuma gosaan galmeeffamaneeran; isaan kunille bulchaa isaanii Yeyi'el, Zakaariyaas,8abuuboo Yo'elii akaakoo Shema'aa ilma Aazaazii Bela'a. Isaan kun lafa adaala qachaa Aro'eriitii jalqabanee karaa kaabaatiin haga Nebootii fi haga Ba'aal-Me'oniititti qubatane.9Horiin isaanii lafa Giil'aadii keessatti waan horeef, isaan karaa aduun baatu, seensuma lafa goomole'eetii haga laga Efraaxiisii qabatane.10Bara Saa'ol mootii te'eeru, isaan fira Hagaarii lolanee injifatanee, addee isaan le'anu lafa Giil'aadii karaa aduun baatu mara qabatane.

Sanyii Gaadii

11Sanyiin Gaadii lafa fuullee isaanii haga Saalka'aatitti lafa Baashaanii keessa leete.12Bulchaan guddaan Yo'el; ka lammeesso'oo Shaafaam; achiin duuba Yaanaayii fi Shaafaaxille Baashaan keessa le'ane.13Obboleeyyan isaanii akka maatii isaaniititti: Mikaa'el, Meshulaam, Sheebaa, Yoraay, Yaakaan, Zii'aa fi Ebeer; isaan wolumatti torba.14Isaan kun Sanyii Abiihaayilii ti: Abiihaayil ka Huurii, Huur ka Yaarokaa, Yaaroka ka Giil'aadii, Giil'aad ka Mikaa'elii, Mikaa'el ka Yeshiishaayii, Yeshiishaay ka Yaakedoo, Yaakedo ka Buusii ti.15Akaakoon Gunii, ilmi Abdi'elii Ahi, sooressa maatii isaanii ti.16Isaan lafa Giil'aadii keessa, Baashaan keessaa fi qachoota isi'ii keessa, lafa horii tiffatanu Shaaronii haga qaccee isi'ii mara keessa le'ane.17Isaan kun martinuu bara Yotaam mootii Yihuda'aa te'eeruu fi bara Yerobi'aam mootii Israa'elii te'eerutti kitaaba dabarsii hidda dhalootaa keessatti barreeffamane.

Loltoota Gosa Karaa Aduun Baatuu

18Gosi Ruubenii, gosi Gaadiitii fi gamisi gosa Minaase'ee, loltoota worra wonte'een, shallaaga'aa fi guube'een loliisaaf akka dansaa leenjifamane, kuma afurtamii afurii fi dhibba torbaa fi jaatama qaban.19Isaan gosa Hagaarii, gosa Yetuurii, gosa Naafiishiitii fi gosa Nodaabii dhaqanee lolane.20Isaan Waaqatti addatanee, isa daadimatanee, qarqaarsa yennaa isa gaafatane, inni isaaniif dhage'ee, Hagaarotaa fi worra isaan woliin jiru harka isaaniititti dabarsee kenne.21Isaan horii Hagaarotaa gaalota kuma shantama, hoolee kuma dhibba lamaa fi kuma shantama, harree kuma lamaa fi namoota kuma dhibba tokko booji'anee fudhatane.22Lolli sun fedha Waaqaatiin waan te'eef, namooti hedduun ijjeefamane; worri injifatee lafa san qabate, haga bara ifiifuu booji'amaneetitti lafuma san keessa le'ane.

Kolbaa Gosa Minaase'ee Ta Karaa Aduun Baatuu

23Kolbaan gamisa gosa Minaase'ee bacaan ta karaa aduun baatuu, Baashaanii haga Ba'aal-Hermoonii, haga Seniiriitii fi haga gaara Hermooniititti qubatanee le'ane.24Sooreyyiin gosa isaanii: Efer, Yishe'ii, Elii'el, Azrii'el, Ermiyaas, Hodaawiya'aa fi Yaadii'el. Isaan kun loltoota gootota, namoota beekkamanee fi sooressitoota gosa isaanii ti.25Te'uu malee isaan Waaqa abbootii ifiititti addatiisa lakkisanee, waaqota kolbaa lafa sanii ta Waaqi fuula isaanii duraa balleessee waaqonfatane.26Maarre Waaqi Israa'elii, mooticha Asoorii Phul ka, «Tiiglaat-Phileeser» jedhamu isaanitti kaasee, inni fira Ruubenii, fira Gaadiitii fi gamisa gosa Minaase'ee booji'ee, gara Kalaa, gara Kaaborii, gara Haaraatii fi gara laga Gozaanii lafa haga adhaa isaan keessa jiranu isaan geesse.