1 Dabarsi'ii3gax_twf

Sanyii Mooticha Daawitii

1Ilmaan Daawiti yennaa Kebroon keessa jiru uumate, ta asii gad jirtu: ilmi angafichi Amnoon, ka Ahiino'aamii Yizre'elittii irraa uumate; ka lammeesso'oo Daani'el, ka Abigaayilii Karmelittii irraa uumate.2Ka sadeesso'oo Abiishaalom, ka inni Ma'akaa intala Talmaayii mooticha Geshuurii irraa uumate; ka arfeesso'oo Adoniya'a; ka inni Haagiiti irraa uumate;3ka shaneesso'oo Shefaaxiya'a; ka inni Abiixaal irraa uumate; ka jayeesso'oo Yitre'aam; ka inni haadha mana ifii Eglaa irraa uumate.4Isaan jaan kun addee inni keessa tee'ee woggaa torbaa fi ji'a jaa bulchetti Kebroon keessatti isaaf dhalatane. Inni Yerusaalem keessa tee'ee woggaa soddomii sad bulche.5Ilmaan inni Yerusaalem keessatti uumate ka asii gad jiranu: Shime'aa, Shobaab, Naataanii fi Solomoon; isaan arfan kana intala Amii'elii Baat-Sheebaa irraa uumate.6Inni ilmaan dhibiille Yiibhaar, Eliishuwaa, Eliifaalet,7Nogaa, Nefeg, Yaafii'aa,8Eliishaamaa, Eliyaadaa fi Eliifelex, wolumatti ilmaan sagal qabaayyu.9Ilmaan gursumeeyyi'ii adoo hin laakkowamin, isaan kun marti ilmaan Daawitii ti; obboleettiin isaaniille Taamaar.

Mootota Yihuda'aa

10Ilmi Solomoonii Rehobiyaam; ilmi Rehobiyaamii Abiiya'a; ilmi Abiiya'aa Aasa'a; ilmi Aasa'aa Yoshaafaax; ilmi Yoshaafaaxii,11Yoraam; ilmi Yoraamii Ahaaziya'a; ilmi Ahaaziya'aa Yo'aas;12ilmi Yo'aasii Amaasiya'a; ilmi Amaasiya'aa Azaariya'a; ilmi Azaariya'aa Yotaam;13ilmi Yotaamii Ahaazi; ilmi Ahaazii Hisqiyaasi; ilmi Hisqiyaasii Minaase'e;14ilmi Minaase'ee Amooni; ilmi Amoonii Yosiyaas.15Ilmaan Yosiyaasii angafichi Yohaannaan; ka lammeesso'oo Yehoyaaqiim; ka sadeesso'oo Zedeqiiya'a; ka arfeesso'oo Shaalum.16Ilmaan Yehoyaaqiimii: Yehoyaakiinii fi Zedeqiiya'a.

Sanyii Yehoyaakiinii Mootichaa

17Ilmaan Yehoyaakiinii mootichaa ka worri Baabilonii booji'e She'altii'el,18Malkiiraam, Phedaayaa, Shenaazaar, Yeqaamiyaa, Hoshaama'aa fi Nedaabiya'a.19Ilmaan Phedaaya'aa: Zarubaabelii fi Shime'i; ilmaan Zarubaabelii: Meshulaamii fi Hanaaniya'a; obboleettiin isaaniille Shelomiit.20Inni ilmaan dhibiille shan qaba; isaanille: Hashubaa, Ohel, Berekiiyaa, Hasadiya'aa fi Yushaab-Hesed.21Ilmaan Hanaaniya'aa: Phelaatiya'aa fi Yeshaa'iya'a; Yeshaa'iyaan Refaayaa uumate; Refaayaan Arnaan uumate; Arnaan Obaadiyaa uumate; Obaadiyaan Shekaaniyaa uumate.22Ilmi Shekaaniya'aa Shemaa'iya'a. Ilmaan Shemaa'iya'aa: Haxushi, Yigaal, Baariihaa, Na'ariiya'aa fi Shaafaax; isaan wolumatti jaa.23Ilmaan Na'ariiya'a: Elyo'enaayi, Hisqiyaasii fi Azriiqaam; isaan wolumatti sad.24Ilmaan Elyo'enaayi: Hodaawiyaa, Eliyaashiib, Phelaayaa, Aquub, Yohaannaan, Delaaya'aa fi Anaani; isaan wolumatti torba.