1 Seenaa27gaz_bib
Kutaawwan Loltootaa
1Lakkoobsi ijoollee Israaʼel hangafoonni maatii isaanii, ajajjuuwwan kumaa, ajajjuuwwan dhibbaatii fi qondaaltonni isaanii warri waan kutaawwan loltootaa kanneen waggaa guutuu jiʼa jiʼaan hojiitti ramadaman sanaa ilaalu hunda irratti mooticha tajaajilan kanaa dha. Tokkoon tokkoon kutaawwan loltootaa kunis nama 24,000 of keessaa qaba ture.2Jiʼa jalqabaatiif ajajaan kutaa loltootaa kan duraa Yaashobiʼaam ilma Zabdiiʼeel ture. Kutaa loltoota isaa keessas loltoota 24,000 ture.3Innis sanyii Faaresii fi hangafa ajajjoota kutaa loltoota hundaa kan jiʼa jalqabaa ture.4Doodaayi namichi Ahooʼaa ajaja kutaa waraanaa kan jiʼa lammaffaaf ture; Miiqlooti hoogganaa kutaa waraana isaa ture. Kutaan waraana isaas namoota 24,000 of keessaa qaba ture.5Ajajaan kutaa waraanaa sadaffaan kan jiʼa sadaffaa immoo Benaayaa ilma Yehooyaadaa lubichaa ture. Innis hangafa; kutaan waraana isaa namoota 24,000 of keessaa qaba ture.6Benaayaa kun isuma warra soddoma keessaa nama jabaa fi ajajaa warra soddoma sanaa ture sanaa dha. Amiizaabaad ilmi isaa immoo ajajaa kutaa waraana isaa ture.7Jiʼa afuraffaaf ajajaan kuta afuraffaa Asaaheel obboleessa Yooʼaab ture; kan iddoo isaa buʼe immoo ilma isaa Zebaadiyaa dha. Kutaa isaa keessa namoota 24,000 turan.8Jiʼa shanaffaaf ajajaan kutaa shanaffaa Shamhuuti namicha Yizraa ture. Kutaa isaa keessa namoota 24,000 turan.9Jiʼa jaʼaffaaf Iiraa ilmi Iqeesh namicha Teqooʼaa sanaa ajajaa jaʼaffaa ture. Kutaa isaa keessa namoota 24,000 turan.10Jiʼa torbaffaaf Heleez namichi Pheloonaa kan gosa Efreem sun ajajaa torbaffaa ture. Kutaa isaa keessa namoota 24,000 turan.11Jiʼa saddeettaffaaf Siibekaay namichi biyya Hushaa kan gosa Zaarotaa ajajaa saddeettaffaa ture; kutaa isaa keessa namoota 24,000 turan.12Jiʼa saglaffaaf Abiiʼezer namicha Anaatootii kan gosa Beniyaam sanattu ajajaa saglaffaa ture; kutaa isaa keessaa namoota 24,000 turan.13Jiʼa kurnaffaaf Maharaayi namicha Netoof kan gosa Zaaraa sanatu ajajaa kurnaffaa ture. Kutaa isaa keessa namoota 24,000 turan.14Jiʼa kudha tokkoffaaf ajajaan kudha tokkoffaan Benaayaa namicha Phiraatoon kan gosa Efreem sana ture. Kutaa isaa keessa namoota 24,000 turan.15Jiʼa kudha lammaffaaf ajajaan kudha lammaffaan Heldaayi namicha Netoof kan gosa Otniiʼeel sana ture. Kutaa isaa keessa namoota 24,000 turan.Hangafoota Gosootaa
16Hangafoonni gosoota Israaʼel:Gosa Ruubeen irratti: Eliiʼezer ilma Zikrii; gosa Simiʼoon irratti: Shefaaxiyaa ilma Maʼakaa;17gosa Lewwii irratti: Hashabiyaa ilma Qemuuʼeel; gosa Aroon irratti: Zaadoq;18gosa Yihuudaa irratti: Eliihuu obboleessa Daawit; gosa Yisaakor irratti: Omrii ilma Miikaaʼel;19gosa Zebuuloon irratti: Yishmaʼiyaaʼuu ilma Obaadiyaa; gosa Niftaalem irratti: Yeriimooti ilma Azriiʼeel;20gosa Efreem irratti: Hoosheeʼaa ilma Azaziyaa; walakkaa gosa Minaasee irratti: Yooʼeel ilma Phedaayaa;21walakkaa gosa Minaasee kan Giliʼaad keessa jiraatuu irratti: Iddoo ilma Zakkaariyaas; gosa Beniyaam irratti: Yaʼisiiʼel ilma Abneer;22gosa Daan irratti: Azariʼeel ilma Yirooham.
Hangafoonni gosoota Israaʼel isaan kanneen turan.23Daawit sababii Waaqayyo saba Israaʼel akkuma urjiiwwan samiitti baayʼisuuf waadaa galeef dhiira waggaa digdamaatii fi digdamaa gad taʼe hin lakkoofne.24Yooʼaab ilmi Zeruuyaa dhiirota lakkaaʼuu jalqabe malee lakkaaʼee hin fixne; sababii lakkoobsa kanaatiifis dheekkamsi Waaqaa Israaʼelitti dhufe; kanaafuu warri hedaman iyyuu galmee Daawit mootichaa keessatti hin galmeeffamne.