1 Seenaa26gaz_bib
Eegdota Balbalaa
1Akka itti eegdonni karraa qoodaman:Gosa qoree keessaa: Ilmaan Asaaf keessaa Mesheleemiyaa ilma Qooraahi.2Mesheleemiyaa ilmaan qaba ture; isaanis: Inni hangafti Zakkaariyaas, lammaffaan Yediiʼeel, sadaffaan Zabaadiyaa, Afuraffaan Yatniiʼeel,3inni shanaffaan Eelaam, jaʼaffaan Yehohaanaan, torbaffaan Eliihooʼeenayi.4Oobeed Edoomis akkasuma ilmaan qaba ture; isaanis: Inni hangafti Shemaaʼiyaa, lammaffaan Yehoozaabaad, sadaffaan Yooʼaa, afuraffaan Saakaar, shanaffaan Naatnaaʼel,5jaʼaffaan Amiiʼeel, torbaffaan Yisaakor, saddeettaffaan Pheʼuletii; Waaqni Oobeed Edoomin eebbiseeraatii.6Shemaaʼiyaan ilmi isaas ilmaan qaba ture; isaanis waan dandeettii guddaa qabaniif qajeelchitoota maatii abbaa isaanii turan.7Ilmaan Shemaaʼiyaa: Otnii, Raafaaʼeel, Oobeedii fi Elzaabaad; firoonni isaa Eliihuu fi Samaakiyaanis dandeettii guddaa qabu ture.8Isaan kunneen hundi ilmaan Oobeed Edoom; isaan, ilmaan isaaniitii fi firoonni isaanii namoota jajjaboo dandeettii hojii qaban turan; ilmaan Oobeed Edoom; walumatti nama 62 turan.9Mesheleemiyaa fi firoota dandeettii guddaa qaban qaba ture; isaanis walumatti nama 18 turan.10Hoosaan inni gosa Meraarii sun ilmaan qaba ture; isaanis: Shimriin dura buʼaa ture; inni hangafa taʼuu baatu iyyuu abbaan isaa dura buʼaa isa godhee ture;11inni lammaffaan Hilqiyaa, inni sadaffaan Xibaliyaa, inni afuraffaan Zakkaariyaas. Ilmaanii fi firoonni Hoosaa walumatti nama 13 turan.12Garee eegdota karraa kana keessaa hangafoota isaaniitiif hojiin akkuma firoonni isaanii hojjetan sanaa mana Waaqayyoo keessa tajaajiluu ni kennameef.13Tokkoo tokkoo balbalaatiifis akkuma maatii maatii isaaniitti xinnaa guddaaf ixaan buʼe.14Ixaan Karra Baʼa Biiftuu Shelemiyaaf baʼe. Ergasii immoo Zakkaariyaas ilma isaa gorsituu ogeessa sanaaf ixaan buʼe; ixaan balbala kaabaa isaaf baʼe.15Ixaan Karra gama kibbaa Oobeed Edoomiif, kan mankuusaa immoo ilmaan isaatiif baʼe.16Ixaan Karra Lixa biiftuutii fi Karra Shaleekeet kan daandii olii irratti argamu Shufiimii fi Hoosaaf baʼe.
Eegumsa tokko fuulleedhaan eegumsa biraatu ture:17Karaa baʼa biiftuutiin guyyaa guyyaatti Lewwota jaʼa, karaa kaabaatiin guyyaa guyyaatti afur, karaa kibbaatiin guyyaa guyyaatti afur karaa mankuusaa immoo yeroo tokkotti lamatu ture.18Oobdii gama lixa biiftuutiin jiruuf daandii irra afur, waltajjicha gubbaa immoo lamatu ture.19Isaan kunneen garee eegdota karraa kanneen ilmaan Qooraahiitii fi Meraarii keessaa dhufanii dha.