1 Seenaa25gaz_bib

Faarfattoota

1Daawit ajajjoota loltootaa wajjin akka isaan kiraaraan, baganaa fi kililleetti fayyadamanii raajii dubbataniif maatii Asaaf, Heemaanii fi Yeduutuun keessaa namoota addaan baafate. Maqaan namoota tajaajila kana kennaa turaniis:
2Ilmaan Asaaf keessaa: Zakuur, Yoosef, Naataaniyaa fi Asareelaa. Ilmaan Asaaf qajeelcha Asaaf jala turan. Asaaf immoo qajeelcha mootichaa jalatti raajii dubbachaa ture.3Ilmaan Yeduutuun keessaa: Gedaaliyaas, Zerii, Isaayyaas, Sameeʼi, Hashabiyaa fi Matiitiyaa. Isaan kunneen jaʼan qajeelcha abbaa isaanii Yeduutuun isa kiraaraan Waaqayyo galateeffachaa fi jajachaa raajii dubbachaa ture sanaa jala turan.4Ilmaan Heemaan keessaa: Bukiyaa, Mataaniyaa, Uziiʼeel, Shebuuʼeelii fi Yeriimooti; Hanaaniyaa, Hanaanii, Eliiʼaataa, Gidaltii fi Roomaamti-Ezer; Yoshibqaashaa, Malootii, Hootiirii fi Mahaaziyoo ti.5Isaan kunneen hundi ilmaan Heemaan namicha mootichaaf mulʼata argu sanaa turan. Isaan akka isa kabajaniif akkuma Waaqni abdachiise sanatti isaa ni kennaman. Waaqnis ilmaan kudha afurii fi intallan sadii Heemaaniif ni kenne.
6Namoonni kunneen hundi tajaajila mana Waaqaa keessatti faarfannaa kililleedhaan, kiraaraa fi baganaadhaan mana qulqullummaa Waaqayyoo keessatti faarfatamu sanaaf qajeelcha abbootii isaanii jala turan. Asaaf, Yeduutuunii fi Heemaan immoo qajeelcha mootichaa jala turan.7Isaanii fi firoonni isaanii kanneen hundi isaanii faarfannaa Waaqayyoof faarfatamuun leenjifamanii ogummaa qaban walumaa galatti 288 turan.8Jarris ramaddii isaanii beekuudhaaf xinnaa fi guddaan, barsiisaa fi barataan haaluma wal fakkaatuun ixaa buufatan.
9Ixaan jalqabatti Asaafiif buʼe sun Yoosefiif,ilmaan Yoosefiitii fi firoota isaatiif baʼe;baayʼinni isaaniis kudha lama turan lammaffaan Gedaaliyaasiif,isaaf, firoota isaatii fi ilmaan isaatiif baʼe;baayʼinni isaanii kudha lama turan10sadaffaan Zakuuriif,ilmaan isaatii fi firoota isaatiif baʼe;baayʼinni isaanii kudha lama turan11afuraffaan Izriif,ilmaan isaatii fi firoota isaatiif baʼe;baayʼinni isaanii kudha lama turan12shanaffaan Naataaniyaaf,ilmaan isaatii fi firoota isaatiif baʼe;baayʼinni isaanii kudha lama turan13jaʼaffaan Bukiyaaf,ilmaan isaatii fi firoota isaatiif baʼe;baayʼinni isaanii kudha lama turan14torbaffaan Yishiriʼeeliif,ilmaan isaatii fi firoota isaatiif baʼe;baayʼinni isaanii kudha lama turan15saddeettaffaan Yashaayaaf,ilmaan isaatii fi firoota isaatiif baʼe;baayʼinni isaanii kudha lama turan16saglaffaan Mataaniyaaf,ilmaan isaatii fi firoota isaatiif baʼe;baayʼinni isaanii kudha lama turan17kurnaffaan Shimeʼiif,ilmaan isaatii fi firoota isaatiif baʼe;baayʼinni isaanii kudha lama turan18kudha tokkoffaan Azariʼeeliif,ilmaan isaatii fi firoota isaatiif baʼe;baayʼinni isaanii kudha lama turan19kudha lammaffaan Hashabiyaaf,ilmaan isaatii fi firoota isaatiif baʼe;baayʼinni isaanii kudha lama turan20kudha sadaffaan Shuubaaʼeeliif,ilmaan isaatii fi firoota isaatiif baʼe;baayʼinni isaanii kudha lama turan21kudha afuraffaan Matiitiyaaf,ilmaan isaatii fi firoota isaatiif baʼe;baayʼinni isaanii kudha lama turan22kudha shanaffaan Yereemootiif,ilmaan isaatii fi firoota isaatiif baʼe;baayʼinni isaanii nama kudha lama turan23kudha jaʼaffaan Hanaaniyaaf,ilmaan isaatii fi firoota isaatiif baʼe;baayʼinni isaanii kudha lama turan24kudha torbaffaan Yoshibqaashaaf,ilmaan isaatii fi firoota isaatiif baʼe;baayʼinni isaanii kudha lama turan25kudha saddeettaffaan Hanaaniif,ilmaan isaatii fi firoota isaatiif baʼe;baayʼinni isaanii nama kudha lama turan26kudha saglaffaan Malootiif,ilmaan isaatii fi firoota isaatiif baʼe;baayʼinni isaanii kudha lama turan27digdammaffaan Eliyaataaf,ilmaan isaatii fi firoota isaatiif baʼe;baayʼinni isaanii kudha lama turan28digdamii tokkoffaan Hootiiriif,ilmaan isaatii fi firoota isaatiif baʼe;baayʼinni isaanii kudha lama turan29digdamii lammaffaan Gidaltiif,ilmaan isaatii fi firoota isaatiif baʼe;baayʼinni isaanii kudha lama turan30digdamii sadaffaan Mahaaziyootiif,ilmaan isaatii fi firoota isaatiif baʼe;baayʼinni isaanii kudha lama turan31digdamii afuraffaan Roomaamti-Ezeriif,ilmaan isaatii fi firoota isaatiif baʼe;baayʼinni isaanii kudha lama turan.