1 Dabarsi'ii25gax_twf

Faarsitoota Galma Waaqaa

1Daawitiin mootichi ajajjoota loltootaa woliin sanyii Lewwootaa keessaa ilmaan Asaafii, ilmaan Hemaaniitii fi ilmaan Yedutuu keessaa namoota kiraaraan, kiraara guddichaa fi sibiila wolitti dhowamee qoonqoo guddoo dhageessisuun qarqaaramanee waan Waaqi isaanitti mudhisu faaru'uun dhageessisanu filee adda baase. Maqaan namoota hujii tanaaf filamanee asii gad jira:2Ilmaan Asaafii keessaa: Zaakur, Yoseef, Nataaniya'aa fi Asari'ela'a; isaan harka Asaafii jala jiran; Asaaf harka Daawitii mootichaa jala jira.3Ilmaan Yedutuu keessaa: Gedaaliyaa, Zerii, Yeshaa'iyaa, Shime'ii, Hashabiiya'aa fi Matiitiya'a; isaan jaan kun harka abbaa ifii Yedutuu jala jiran; abbaan isaanii kiraaraan Mootii Waan Maraa galateeffatiisaan, leellisiisalle'een waan inni isatti mudhise dhageessise.4Ilmaan Hemaanii keessaa: Bukiiyaa, Mataaniyaa, Uzii'el, Shebu'el, Yeremoot, Hanaaniyaa, Haanaan, Elii'aataa, Gidaalti, Romamtii-Ezer, Yoshbaqaashaa, Malootii, Hotiirii fi Mahaazi'oot.5Isaan kun marti ilmaan Hemaanii ka mootichaaf mudhii dhagguu ti; Waaqi ulfinna guddaa Hemaaniif kenniisaaf, akkuma waadaa galetti, ilmaan kudhanii afurii fi durra sad isaaf kenne.6Namooti kun marti akka ajaja abbootii ifiititti Galma Mootii Waan Maraa keessatti sibiila wolitti dhowamee qoonqoo guddoo dhageessisuun, kiraara guddichaa fi maseenqo'oon tajaajilane. Asaaf, Yedutuu fi Hemaan ajaja mootichaa jala jiraniiyyu.7Fira isaanii woliin namooti meya faaru'uutiin Mootii Waan Maraa faarfatiisa leenji'ane, wolumatti namoota dhibba lamaa fi saddeettamii saddeeti.8Isaan ramaddii hujii ifii beekiisaaf jaarsa yookiin ijoollee, barsiisaa yookiin barataa adoo hin jedhin, marti isaanii woluma qixxee hixaa buufatane.9Hixaan qaraa maatii Asaafii keessaa Yoseefiif, ilmaan isaatii fi fira isaatiif wolumatti namoota kudhanii lamaaf, ka lammeesso'oo Gidaaliya'aaf, fira isaatii fi ilmaan isaatiif wolumatti namoota kudhanii lamaaf,10ka sadeesso'oo Zakuriif, ilmaan isaatii fi fira isaatiif wolumatti namoota kudhanii lamaaf,11ka arfeesso'oo Izriif, ilmaan isaatii fi fira isaatiif wolumatti namoota kudhanii lamaaf,12ka shaneesso'oo Nataaniya'aaf, ilmaan isaatii fi fira isaatiif wolumatti namoota kudhanii lamaaf,13ka jayeesso'oo Bukiiya'aaf, ilmaan isaatii fi fira isaatiif wolumatti namoota kudhanii lamaaf,14ka torbeesso'oo Yeshari'ela'aaf, ilmaan isaatii fi fira isaatiif wolumatti namoota kudhanii lamaaf,15ka saddeetesso'oo Yeshaa'iya'aaf, ilmaan isaatii fi fira isaatiif wolumatti namoota kudhanii lamaaf,16ka sagaleesso'oo Mataniiya'aaf, ilmaan isaatii fi fira isaatiif wolumatti namoota kudhanii lamaaf,17ka kudhaneesso'oo Shime'iif, ilmaan isaatii fi fira isaatiif wolumatti namoota kudhanii lamaaf,18ka kudhanii tokkeesso'oo Azaari'eliif, ilmaan isaatii fi fira isaatiif wolumatti namoota kudhanii lamaaf,19ka kudha lammeesso'oo Hashabiiya'aaf, ilmaan isaatii fi fira isaatiif wolumatti namoota kudhanii lamaaf,20ka kudhanii sadeesso'oo Shubaa'eliif, ilmaan isaatii fi fira isaatiif wolumatti namoota kudhanii lamaaf,21ka kudhanii arfeesso'oo Matiitiya'aaf, ilmaan isaatii fi fira isaatiif wolumatti namoota kudhanii lamaaf,22ka kudhanii shaneesso'oo Yeremootiif, ilmaan isaatii fi fira isaatiif wolumatti namoota kudhanii lamaaf,23ka kudha jayeesso'oo Hanaaniya'aaf, ilmaan isaatii fi fira isaatiif wolumatti namoota kudhanii lamaaf,24ka kudhanii torbeesso'oo Yoshbaqaasha'aaf, ilmaan isaatii fi fira isaatiif wolumatti namoota kudhanii lamaaf,25ka kudhanii saddeetesso'oo Hanaaniif, ilmaan isaatii fi fira isaatiif wolumatti namoota kudhanii lamaaf,26ka kudhanii sagaleesso'oo Malootiif, ilmaan isaatii fi fira isaatiif wolumatti namoota kudhanii lamaaf,27ka diddameesso'oo Eliyaata'aaf, ilmaan isaatii fi fira isaatiif wolumatti namoota kudhanii lamaaf,28ka diddamii tokkeesso'oo Hotiiriif, ilmaan isaatii fi fira isaatiif wolumatti namoota kudhanii lamaaf,29ka diddamii lammeesso'oo Gidaaltiif, ilmaan isaatii fi fira isaatiif wolumatti namoota kudhanii lamaaf,30ka diddamii sadeesso'oo Mahaazi'ootiif, ilmaan isaatii fi fira isaatiif wolumatti namoota kudhanii lamaaf,31ka diddamii arfeesso'oo Romamtii-Ezeriif, ilmaan isaatii fi fira isaatiif wolumatti namoota kudhanii lamaaf bu'e.