Lewwoota
1Daawiti bara hedduu le'ee yennaa dulloome, ilma ifii Solomoon Israa'el irratti mootii godhe.2Inni sooressitoota Israa'elii mara, hayyootaa fi Lewwoota wolitti qabee,3dhiira Lewwootaa ta woggaa soddomaa olii laakkossiisee, wolumatti laakkossi isaanii kuma soddomii saddeeti te'e.4Daawiti, «Isaan san keessaa namooti kum diddamii afur hujii Galma Mootii Waan Maraa hujisiisanu ti; namooti kum jaa qondaaltotaa fi abbootii mura'aa te'anu ti;5namooti kum afur karra eeganuu ti; namooti kum afur meya ani akka ittiin leellifatanuuf qopheesseen Mootii Waan Maraa leellifatanuu ti» jedhe.6Daawiti Lewwoota akka ilmaan Lewwi'ii Gershoo, Qehaatii fi Meraariititti, addee saditti gargar hire.7Gershoon ilmaan lama La'adaanii fi Shime'ii qabaayyu.8Ilmaan La'adaanii sadiin angafichi Yehii'el, Zetaamii fi Yo'el.9Ilmaan Shime'ii sadiin Shelomoot, Hazii'elii fi Kaaraan; isaan sooreyyii maatii La'adaanii ti.10Ilmaan Shime'ii arfan Yaahaat, Ziinaa, Ye'ushii fi Berii'a.11Yaahaat angaficha, Ziinaan ka isatti aanu. Ye'ushii fi Berii'a ammoo, ijoollee hedduu waan hin qanneef akka maatii tokkootitti laakkowamane.12Ilmaan Qehaatii afur: Amraam, Yizhaar, Kebroonii fi Uzii'el.13Ilmaan Amraamii: Aaronii fi Muuse'e. Aaronii fi sanyiin isaa waan irra caalaa woyyuu te'e eegiisaaf, Mootii Waan Maraatiif ciincaa dhikeessiisaaf, isa tajaajiliisaaf, maqaa isaatiin namoota haga bara baraa eebbisiisaaf adda baafamane.14Ilmaan Muusee nama Waaqaa, akka gosa Lewwi'iititti laakkowamane.15Ilmaan Muuse'ee Gershoomii fi Elii'ezer.16Ilmaan Gershoomii keessaa angafichi Shebu'el.17Ilmi Elii'ezerii angafichi Rehaabiya'a; Elii'ezer ilmaan dhibii hin qabu; Rehaabiyaan ammoo ilmaan hedduu qaba.18Ilmaan Yizhaarii keessaa angafichi Shelomiit.19Ilmaan Kebroonii: Angafichi Yeriiya'a; lammeessoon Amaariya'a; sadeessoon Yahaazi'el; arfeessoon Yeqaamii'aam.20Ilmaan Uzii'elii: angafichi Miika'a; lammeessoon Yishiiya'a.21Ilmaan Meraarii: Maahilii fi Mushi. Ilmaan Maahilii: Ele'azaarii fi Qiish.22Ele'azaar durra malee ilmaan adoo hin uumatin du'e; durra san ilmaan Qiishii ta obboleessa isaatittuu fuudhe.23Ilmaan Mushii sadiin: Maahil, Ederii fi Yeremoot.24Isaan kun marti gosa Lewwi'ii worra akka maatii maatii isaaniititti, akka sooressitoota maati'ii te'anee adduma addaan barreeffamane; isaan keessaa nami woggaa diddamaa yookiin woggaa diddamaa olii hujii Galma Mootii Waan Maraa keessatti hujamu keessaa worra qooda qabaate.25Daawiti, «Mootiin Waan Maraa, Waaqi Israa'elii kolbaa ifiitiif foora kenneera; inni haga bara baraa Yerusaalem keessa le'a.26Lewwooti haganaa achi Dunkaanii Woyyittii yookiin meya achi keessatti tajaajila kennu ba'atuu hin barbaachisu» jedhe.27Akkuma Daawiti muummee irratti dubbate, ilmaan Lewwootaa ta woggaa diddamaa yookiin woggaa diddamaan olii laakkowamane.28Hujiin Lewwootaa badhinna Galma Mootii Waan Maraatii fi kolloo Galma Mootii Waan Maraa eegaa, meya woyyicha mara qulqulleessiisa, sanyii Aaronii ta Galma Mootii Waan Maraa keessa tajaajiltu qarqaariisa.29Ammalle hujiin isaanii daabboo Waaqaaf woyyoontu, bullaa kennansa midhaanii, daabboo uukoo hin qannelle zayiti'iin sukkuumiisaa fi bilcheessiisaan, kennansa zayiti'iin wolitti makiisaan, safariisaa fi mikiisaanqarqaariisa.30Isaan ammalle ganama maraa fi galgala mara dhaabbatanee Mootii Waan Maraa galateeffataa, leellifataa,31guyyaa Sanbataa mara, baatii ji'aatitti, guyyaa jila beekkamaneetitti, yennaa kennansi gubamu Mootii Waan Maraatiif dhikaatu, akkuma ajajamane laakkossi isaanii adoo hin dhidhatin yennaa mara Mootii Waan Maraa duratti tajaajilaaraniiyyu.32Akkasitti Lewwooti Dunkaanii Woldeenna'aatii fi Galma Mootii Waan Maraa san keessa waan hujiisaaf itti gaafatamanu muummessan. Isaan hujii firri isaanii ilmaan Aaronii Galma Mootii Waan Maraa keessatti hujanu qarqaarane.