1 Dabarsi'ii21gax_twf

Daawiti Loltoota Laakkossiise

1Seexanni kolbaa Israa'elii irratti ka'ee, Daawiti akka isaan laakkowu kakkaase.2Maarre Daawiti Yo'aabii fi ajajjoota loltootaatiin, «Ani laakkossa namoota kiyyaa akka beeku Bersheeba'aa haga Daaniititti Israa'eloota laakkowa'aatii, kowa'aa natti hima'a» jedhe.3Yo'aab ammoo deebisee, «Mootiin Waan Maraa kolbaa ifii dachaa dhibba baceessuu ti. Ee goottaa kiyya, ee mootii kiyya, isaan martinuu tajaajiltoota si goottaa kiyyaatii motii ree? Ati maaf isaan laakkowuu barbaadde? Maaf waan yakkaa te'ee isaanitti laakkowamu itti fidda?» jedhe.4Te'uu malee ajaji mootichaa Yo'aabitti waan jabaateef, Yo'aab biraa bayee, biyya Israa'elii mara keessa deemeen duuba Yerusaalemitti deebi'ee,5laakkossa kolba'aa Daawititti hime. Isaan kun Israa'el keessatti loltooti shallaaga'aan loltu miliyoona tokkoo fi kuma dhibba tokko, akkasuma Yihudaa keessatti loltooti shallaaga'aan loltu kuma dhibba afurii fi kuma torbaatamatti jiraayyu.6Te'uu malee, ajaji mootichaa Yo'aabitti waan hin toliniif, inni gosa Lewwi'iitii fi gosa Beniyaaminii hin laakkonne.7Waaqi ammoo ajaja kanatti waan hin gammadiniif, Israa'eloota adabe.8Achiin duuba Daawiti Waaqaan, «Ani gowwumma'aan cubbuu guddoo akkasii waan godheef, cubbuu ana tajaajilaa keetii akka araarantuuf, si gaafadha» jedhe.9Mootiin Waan Maraa, Gaadii mudhii Daawitiif dhaggutti dubbatee,10«Dhaqiitii Daawitiin, ‹Mootiin Waan Maraa: Ani filannoo sad si'iif hin kenna; isaan keessaa ka ani sitti fidu tokko filadhu siin jedha› jedhiin» jedhe.11Maarre Gaadi gara Daawitii dhaqee, «Mootiin Waan Maraa si'iin, ‹Tokko keessaa filadhu;12beela woggaa sadiif sitti fiduu yookiin ji'a sadiif diina keeti biyya teeti keessa deemee kolbaa teeti balleessu yookiin ergamaan kiyya guyyaa sadiif shallaaga'aan yookiin bala'aan lafa Israa'elii mara keessaa namoota akka fixu filadhu› siin jedha. Amma ka na ergeef deebii akka kennu murteeffadhuutii natti himi» jedhe.13Daawiti Gaadiin, «Ani muddama hamaa keessa jira. Marartiin Mootii Waan Maraa guddoo waan teeteef, harka Mootii Waan Maraatiin adabamuu naaf woyya malee, harka namootaatitti akka na hin lakkinneef, isa hin daadimadha» jedhe.14Maarre Mootiin Waan Maraa Israa'eloota irratti balaa buusee, namooti kum torbaatam dhumatane.15Waaqi Yerusaalem balleessiisaaf ergamaa ifii erge; ergamaan sun ammoo adoo balleessiisatti jiruu, Mootiin Waan Maraa badii qacha'aa san dhaggee gaddeefii, ergamaa Waaqaa ka kolbaa balleessiisatti jiruun, «Hin geetti; harka keeti irraa deebifadhu» jedhe. Yennaa san ergamaan Mootii Waan Maraa eeddummee Ornaa Yibusichaa bira dhaabbateeraayyu.16Daawiti ol ilaalee, ergamaa Mootii Waan Maraa ka shallaagaa buqqifamee Yerusaalem irratti ol fudhatame harkatti qabatee, wodhakkaa ol-gubba'aatii fi lafaa dhaabbateeru tokko dhagge. Achiin duuba Daawitii fi jaarsoleen woyaa gaddaa uffatanee adda ifiitiin lafatti gad gombifamane.17Daawitiin mootichi Waaqaan, «Kolbaa akka laakkowanu ka ajaje anaa motii ree? Ka cubbuu hujee, dokonkore ana. Isaan worra akka hoole'ee ti; isaan maan godhane ree? Ee Mootii Waan Maraa Waaqa kiyya, adabbiin teeti anaa fi maatii tiyya irratti teetuu ti malee, kolbaa teeti irratti balaa hin buusin» jedhe.

Daawiti Addee Ciinca'aa Ijaare

18Achiin duuba ergamaan Mootii Waan Maraa, «Dhaqiitii Daawitiin, ‹Ka'ii ol bayiitii eeddummee Ornaa Yibusichaa keessatti, addee ciinca'aa Mootii Waan Maraatiif ijaar› jedhi» jedhee Gaadi ajaje.19Maarre Daawiti dubbii Gaadi maqaa Mootii Waan Maraatiin dubbateef ajajamee, ka'ee ol-baye.20Ornaan eeddumme'etti qamadii dhowiisatti adoo jiru, garagalee ergamaa Waaqaa dhagge; ilmaan isaa ta isa woliin jirtulle dhokatte.21Achiin duuba Daawiti gara Ornaa dhufe; Orna yennaa Daawiti dhagge eeddummee san keessaa bayee, Daawiti duratti lafatti gad gombifame.22Daawiti Ornaan, «Balaan kun kolbaa tana irra akka hin buuneef, addee ciinca'aa Mootii Waan Maraatiif akka irratti ijaaru, eeddummee teeti gatii guutu'utti natti gurguradhu» jedhe.23Orna deebisee Daawitiin, «Fudhadhu goottaa kiyya, waan feete godhadhu. Kennansa gubamuuf, korommiin tiyya kunoo ti, qoraaniif ulee midhaan ittiin dhowanu, kennaa midhaaniitiif qamadii, ani kana mara hin kenna» jedhe.24Mootichi Daawiti ammoo deebisee Ornaan, «Waawwo'o; ani gatii guutu'uun si irraa bitadha malee, waan keeti yookiin waan gatii itti hin baasin Mootii Waan Maraatiif kennansa gubamu hin dhikeessu» jedhe.25Maarre Daawiti gatii eeddumme'ee beesee worqi'ii dhibba jaa Ornaaf kenne.26Daawiti eeddummee san keessatti addee ciinca'aa Mootii Waan Maraatiif ijaaree, kennansa gubamuu fi kennansa tokkumma'aa dhikeessee Mootii Waan Maraa waammate; Mootiin Waan Maraalle ol-gubbaa irraa addee ciinca'aa irratti ibiddaan deebii isaaf kenne.27Achiin duuba Mootiin Waan Maraa ergamaa san ajaje; ergamaan sun shallaagaa ifii gonofa'atti deebifate.28Yennaa san Daawiti eeddummee Ornaa Yibusichaa keessatti Mootiin Waan Maraa deebii akka isaaf kenne yennaa dhagge, achitti ciincaa Mootii Waan Maraatiif dhikeesse.29Yennaa san dunkaaniin Mootii Waan Maraa ta Muuseen goomolee keessatti hujee fi addeen ciinca'aa ta kennansa gubamuu, addee waaqonfanna'aa ta gaara Giibe'onii irraa keessa jiraniiyyu.30Daawiti ammoo shallaagaa ergamaa Mootii Waan Maraa waan sodaateef, achi dhaqee Waaqa gaafatiisa hin dandeenne.