1 Seenaa16gaz_bib
1Isaanis taabota Waaqaa fidanii dunkaana Daawit dhaabeef keessa ni kaaʼan; aarsaa gubamuu fi aarsaa nagaa fuula Waaqaa duratti ni dhiʼeessan.2Daawitis erga aarsaa gubamuu fi aarsaa nagaa dhiʼeessee booddee maqaa Waaqayyootiin namoota ni eebbise.3Ergasiis inni tokkoo tokkoo nama Israaʼeliitiif, dhiiraa fi dubartiif buddeena tokko tokko, gumaa foonii tokko tokkoo fi bixxillee ija wayinii tokko tokko ni kenne.4Innis akka isaan fuula taabota Waaqayyoo duratti tajaajilaniif, akka isaan Waaqayyo Waaqa Israaʼel waammataniif, akka isa galateeffatanii fi akka isa jajataniif Lewwota tokko tokko ni muuddate;5isaanis Asaaf hangafticha, Zakkaariyaas itti aanaa isaa, itti fufees Yeʼiiʼeel, Shemiiraamoot, Yehiiʼeel, Matiitiyaa, Eliiyaab, Benaayaa, Oobeed Edoomii fi Yeʼiiʼeel faʼi turan. Jarri kunneen kiraaraa fi baganaa taphatu ture; Asaaf immoo kilillee dhageessisa ture;6Benaayaa fi Yahiziiʼeel luboonni yeroo hunda fuula taabota kakuu Waaqaa duratti malakata afuufu turan.