1 Dabarsi'ii16gax_twf

1Isaan Saanduqa Gondooro'oo ka Waaqaa fidanee, dunkaanii Daawiti dhaabeef keessa keyane; achiin duuba kennansa gubamuu fi kennansa tokkumma'aa Waaqaaf dhikeessane.2Daawiti kennansa gubamuu fi kennansa tokkumma'aa Waaqaaf dhikeessee fixeen duuba, maqaa Mootii Waan Maraatiin kolbaa eebbise.3Inni Israa'eloota tokko tokkoof dhiiraa fi dubarti'iif, xaltaa daabbo'oo tokko tokko, foon gumaa tokko tokko, bixee midhaan woyni'ii tokko tokko hireef.4Daawiti Lewwoota keessaa worra garii ka Saanduqa Gondooro'oo ka Waaqaa duratti tajaajilanuu fi ka Mootii Waan Maraa Waaqa Israa'elii gaafatanu, ka galateeffatanuu fi leellifatanu file.5Sooressi isaanii Asaaf, itti aanaan Zakaariyaas; worri maseenqo'oo fi kiraara guddicha dhowanu Yeyi'el, Shemiiraamoot, Yehii'el, Matiitiyaa, Eliiyaab, Benaayaa, Obed-Edoomii fi Yeyi'el; Asaaf sibiila wolitti dhowee qilillisiisa.6Hayyooti Benaayaanii fi Yahaazi'el yennaa mara, Saanduqa Gondooro'oo ka Waaqaa duratti tultullaa afuufan.

Faaruu Daawitii Ta Galataa

7Guyyaa san faaruun galataa ta Mootii Waan Maraa ta Daawiti qara Lewwootii fi Asaaf akka faarfatanu itti kenne ta asii gad jirtu:8Mootii Waan Maraa galateeffadha'a;maqaa isaa waammadha'a;Waan inni godhelleodduu gosa biyya adda addaatitti beessisa'a.9Isa faarfadha'a; isa leellifadha'ahujii isaa ta maade'ee hima'a.10Maqaa isaa woyyichaan bondhoora'a;worri Mootii Waan Maraa barbaadufirinxiixuu ti.11Mootii Waan Maraatii fihunna isaa barbaada'a;Yennaa mara fuula isaa barbaadadha'a!12Hujii maade'ee ta inni huje,baasa isaatii fimuraa inni kennelle qaabadha'a.13Ee, isin sanyiin Yaaqoobii tajaajilaa Waaqaa,isin sanyii Israa'elii,ta Waaqaaf filatantane,14Inni Mootii Waan Maraa Waaqa keenna;muraan isaa lafa mara hin dhaqqaddi.15Inni Gondooroo ifii haga bara baraa,ajaja ifiille haga dhaloota kumaa hin yaadata.16Gondooroo Abrahaam woliin gondoorate,kakuu Yisihaqiif waadaa gale hin eegata.17Tun Yaaqoobiif seerata jabaa,Israa'eliifille Gondooroo bara baraaakka teetuuf godhe.
18Inni, «Qooda dhaala sanyii teetii akka teetuuf,lafa Kana'aanii si'iif hin kenna» jedhe.
19Yennaa san laakkossi isaanii hin bacanne,isaan nama diqqaa lafa sanitti alagaa te'e.20Gosa biyya tokkoo irraagara gosa biyya tokkootitti,mootummaa tokko irraagara mootummaa tokkootitti daaqane.21Inni nami tokkolleakka isaan cunqursu hin lakkinne;inni isaaniif jedhee moototaayyuu xixee,22«Worra ani muude hin tuqina'a;raagota tiyyalle hin miidhina'a» jedhe.
23Biyyi lafaa martinuuMootii Waan Maraatiif faarfadha'a;fayyisuu isaalle guyyuma guyya'aan odeessa'a.24Gosa biyya adda addaa oddu'utti ulfinna isaa,kolbaa mara oddu'uttihujii baasa isaa ta baasaa lassa'a.
25Mootiin Waan Mara guddaa waan te'eefguddoo leellifamuu qaba;waaqota mara caalaa sodaatamuu qaba.26Waaqoti gosa biyya adda addaa martiwaaqota dharaa ti;Mootiin Waan Maraa ammooka ol-gubbaa dade.
27Ulfinnaa fi arnyi fuula isaa durajabeennii fi gammadi addee bultoo isaa jiran.28Ee, isin firri gosa biyya adda addaaMootii Waan Maraa leellisa'a;ulfinnaa fi jabeenna isaalle leellisa'a.29Ulfinna maqaa Mootii Waan Maraa leellisa'a;kennansa fida'aatii isa dura dhikaadha'a.Ulfinna woyyummaa isaatiif,Mootii Waan Maraa waaqonfadha'a.30Lafa mara isa duratti sheephisa'a;Biyyi lafaa jabaattee dhaabbatteerti;isiin ijjumaa hin tachootu.31Ol-gubbaan gammadduu ti;lattille firinxiixxuu ti.Kolbaan gosa biyya adda addaa oddu'utti,«Mootiin Waan Maraa mowe» jettuu ti.32Abbaaya'aa fi wonni isii keessaa martishookkisanuu ti;ficha'aa fi wonni isa keessaa martifirinxiixanuu ti.33Mootiin Waan Maraabiyya lafaa irratti muriisaaf waan dhufuuf,mukooti gongoma'aa gammadaaisa duratti faarsanuu ti.
34Maganne'e, Mootiin Waan Maraadansaa waan te'eef,jaalalli isaa ka haga bara baraa waan te'eef,isa galateessa'a.35Isin, «Nuuti maqaa keeti woyyichaakka galateeffannuuf,ulfinna keeti akka leellifannuuf,ee, Waaqa fayyisaa keenna,ati gosa biyya adda addaa harkaa nu baasiitii,wolitti nu qabi» jedhaalle'e.36Mootiin Waan Maraa Waaqi Israa'eliihaga bara baraa leellifamuu ti.Achiin duuba kolbaan marti, «Ameen!Mootiin Waan Maraa leellifamuu ti» jette.37Asaafii fi Lewwooti akka isaa Saanduqa Gondooro'oo ka Waaqaa duratti, guyyuma guyya'aan akka tajaajilanu, Daawiti achitti isaan lakkise.38Akkasuma ammalle Obed-Edoomii fi Lewwooti akka isaa namooti jaatamii saddeeti, ilmi Yedutuu Obed-Edoomii fi Hosaah karra akka eeganuuf achitti isaan lakkise.39Zaadoqii Hayyichaa fi hayyoota akka isaa, Dunkaanii Woldeenna'aa ta Mootii Waan Maraa ta addee waaqonfanna'aa ta Giibe'on keessa jirtu duratti,40guyyaa mara ganamaa fi galgala, akkuma seera Mootiin Waan Maraa Israa'eliif kenne keessatti barreeffametti, addee ciinca'aa irratti kennansa gubamu Mootii Waan Maraatiif akka dhikeessanuuf, Daawiti achitti isaan lakkise.41Isaan wolille'een Hemaan, Yedutuu fi worri dhibiin hafe ka filame, «Jaalalli Mootii Waan Maraa ka bara baraa ti» jedhaa faarsulle woliin jiraniiyyu.42Hemaanii fi Yedutuun itti gaafatantoota meya ittiin Waaqa faarfatanuu, ka tultulla'aatii fi sibiila wolitti dhowanee qilillisiisanuu te'ane. Ilmaan Yedutuu eeddota karra dalleyaa te'ane.43Achiin duuba kolbaan marti gara mana ifii galte; Daawitille maatii ifii eebbisiisaaf gara mana ifii dhaqe.