Saanduqa Gondooro'oo Gara Yerusaalemii Geessane
1Daawiti qachaa ifii keessatti mana ijaarrateen duuba, Saanduqa Gondooro'oo ka Waaqaatiif addee qopheessee, dunkaanii dhaabeef.2Achiin duuba Daawiti, «Mootiin Waan Maraa, Saanduqa Gondooro'oo ka Waaqaa akka ba'atanuuf, haga bara baraa isa akka tajaajilanu, Lewwoota waan filateef, isaan malee nami tokkolle Saanduqa Gondooro'oo ka Waaqaa hin ba'atu» jedhe.3Daawiti Saanduqa Gondooro'oo ka Waaqaa san, gara addee inni isi'iif qopheessee akka fidanuuf Israa'eloota mara Yerusaalemitti wolitti qabe.4Inni sanyii Aaroniitii fi Lewwootalle wolitti qabe.5Worri inni wolitti qabe, sanyii Qehaatii keessaa sooressa Urii'elii fi firoota isaa nama dhibba tokkoo fi diddama,6sanyii Meraarii keessaa sooressa Asaaya'aa fi firoota isaa nama dhibba lamaa fi diddama,7sanyii Gershoomii keessaa sooressa Yo'elii fi firoota isaa nama dhibba tokkoo fi soddoma,8sanyii Eliizaafaanii keessaa sooressa Shemaa'iyaa fi firoota isaa nama dhibba lama,9sanyii Kebroonii keessaa sooressa Elii'elii fi firoota isaa nama saddeettama,10sanyii Uzii'elii keessaa sooressa Aminaadaabii fi firoota isaa nama dhibba tokkoo fi kudhanii lama.11Achiin duuba Daawiti hayyoota lama Zaadoqii fi Abiyaataar, akkasuma Lewwoota jaa Urii'el, Asaayaa, Yo'el, Shemaa'iyaa, Elii'elii fi Aminaadaab waamee,12«Isin sooressitoota maatii Lewwootaa ti. Saanduqa Gondooro'oo Ka Mootii Waan Maraa Waaqa Israa'elii, gara addee ani isi'iif qopheessee fidiisaaf, ifii fi fira keessanille woyyoonsa'a.13Yennaa qaraa isin Lewwooti Saanduqa Gondooro'oo hin ba'anne; nuutille akka ajaja isaatitti isa hin barbaanne. Tanaaf Mootiin Waan Maraa Waaqi keenna aarii ifii nu irratti bobeesse» jedhee dubbate.14Maarre hayyootii fi Lewwooti, Saanduqa Gondooro'oo Ka Mootii Waan Maraa Waaqa Israa'elii fidiisaaf, ifi woyyoonsane.15Muuseen akka jecha Mootii Waan Maraatitti akkuma ajaje, Lewwooti Saanduqa Gondooro'oo ta Waaqaa san danqara'aan gurmuu ifii irratti ba'atane.16Daawiti itti dabalee sooressitooti Lewwootaa, namoota meya faaru'uutiin, maseenqo'oon, kiraara guddichaan, sibiila wolitti dhowamee qoonqoo guddoo dhageessisuun, faaruu nama gammachiittu akka faarfatanu fira ifii keessaa akka filanu ajaje.17Maarre worri Lewwootaa ilma Yo'elii Hemaan, fira isaa keessaa ilma Berekiiya'aa Asaafii fi ilma Qushaaya'aa Etaan filatane.18Isaan wolille'een sadarkaa lammeesso'ootitti fira isaanii ka filamane Zakaariyaas, Ya'aasi'el, Shemiiraamoot, Yehii'el, Unii, Eliiyaab, Benaayaa, Ma'aseyaa, Matiitiyaa, Eliifelehuu, Miiqneyaa, Obed-Edoomii fi Yeyi'el worra karra eegu godhane.19Worri faarfatu Hemaan, Asaafii fi Etaan worra sibiila sageettu'uu wolitti dhowanee qilillisiisan.20Zakaariyaas, Azii'el, Shemiiraamoot, Yehii'el, Uniin, Eliiyaab, Ma'aseyaanii fi Benaayaan, maseenqoo akka qoonqoo dubartootaa ta ol qabataneetitti dhowan.21Matiitiyaan, Eliifelehuun, Miiqneyaan, Obed-Edoom, Yeyi'elii fi Azaziiyaan kiraara guddicha dhowan.22Qayinaaniin Lewwichi sooressa faarsitootaa itti gaafatamaa faaru'uu ti; inni beekkicha faaru'uu ti.23Berekiiyaanii fi Elqaanaan eeddota karra Saanduqa Gondooro'oo ti.24Hayyooti Shebaniyaan, Yoshaafaax, Nataani'el, Amaasaayi, Zakaariyaas, Benaayaanii fi Elii'ezer Saanduqa Gondooro'oo ka Waaqaa duratti tultullaa afuufan. Obed-Edoomii fi Yehiiyaan eeddota karra Saanduqa Gondooro'oo ti.25Maarre Daawiti, jaarsoleen Israa'eliitii fi ajajjooti kumaa, Saanduqa Gondooro'oo Ka Mootii Waan Maraa mana Obed-Edoomiitii fidiisaaf gammada gudda'aan dhaqane.26Waaqi Lewwoota Saanduqa Gondooro'oo Ka Mootii Waan Maraa ba'atane san waan qarqaareef, isaan korommii torbaa fi korbeeyyii hoole'ee torba ciincaa dhikeessane.27Daawiti gaafas akkuma Lewwoota Saanduqa Gondooro'oo ba'atanuu, akka faarsitootaatii fi akka Qayinaanii itti gaafatamaa faarsitootaa, woyaa quncee talba'aa dansaa irraa hujante uffateeraayyu; itti dabaleelle woyaa dirata qomaa ta quncee talba'aa irraa hujate uffateeraayyu.28Maarre Israa'elooti marti ilillisaa, gaafa korbeeyyii hoole'eetii fi tultullaa afuufaa, sibiila wolitti dhowaa qilillisiisaa, kiraara guddichaa fi maseenqoo dhowaa, Saanduqa Gondooro'oo Ka Mootii Waan Maraa fidane.29Yennaa Saanduqi Gondooro'oo ka Mootii Waan Maraa gara qachaa Daawitii gale, intalti Saa'olii Mikaal foddaa manaatiin gad ilaaltee, mootichi Daawiti firinxiixee sirbuun yennaa dhaggite, gadhaa ifii keessatti isa tuffatte.