Mana Daawitiitii Fi Maatii Isaa
1Mooticha Daawitiif mana mootumma'aa akka ijaaranuuf, mootichi Xiiroosii Hiiraam namoota mana dhaka'aan ijaaranuu fi namoota muka bociisa beekanu, muka hindheensaa woliin isaaf erge.2Daawitille akka Mootiin Waan Maraa kolbaa Israa'elii irratti mootii isa godhee fi sababa kolbaa ifii Israa'eliitiif jedhee mootummaa isaalle akka guddise beeke.3Daawiti Yerusaalem keessatti dubartii ede'ee fuudhee, ilmaanii fi ijoollee durraa ede'ee uumate.4Maqaan ijoollee inni Yerusaalemitti uumatee: Shamu'aa, Shobaab, Naataan, Solomoon,5Yiibhaar, Eliishuwaa, Elphaalex,6Nogaa, Nefeg, Yaafii'aa,7Eliishaamaa, Ba'aal-Yaadaa fi Eliifelex.Daawiti Worra Filisxeemotaa Injifate
8Daawiti biyya Israa'elii irratti mootii akka te'e worri Filisxeemotaa yennaa dhage'e, marti isaaniituu isa qabiisaaf ol bayane; Daawitille isaan loliisaaf duula itti baye.9Worri Filisxeemotaa dhooqa Refaa'iimii geyanee saamiisa jalqabane.10Daawiti, «Worra Filisxeemotaatitti duuluu? Ati harka kiyyatti dabarsitee isaan hin kennitaa?» jedhee Waaqa gaafate. Mootiin Waan Maraa deebisee, «Ee, duuli, ani harka keetitti dabarsee isaan hin kenna» jedhe.11Maarre Daawiti namoota ifii woliin gara Ba'aal Pheraaziimii ol bayee, worra Filisxeemotaa lolanee injifatane. Inni, «Akka lolaan bisaanii ededa caccassu, Waaqi harka kiyya irratti diinota kiyya caccasse» jedhe. Tana irratti maqaan addee saniille, «Ba'aal-Pheraaziim» jedhamee moggaafame.12Worri Filisxeemotaa waaqota ifii ka dharaa achitti lakkisanee baqatane; Daawiti akka isaan gubamanuuf ajaja baase.13Worri Filisxeemotaa ammalle deebi'anee dhooqa san saamiisa jalqabane.14Daawiti ammalle Waaqa gaafate; Waaqille deebisee, «Marfadhuutii muka harru'uu biraan isaan loli malee, fuula duraan itti ol hin bayin.15Qoonqoo geerarsaa qaccee muka harru'uu gubba'atti yennaa dhageette, ani loltoota Filisxeemotaa injifatiisaaf si'iin dura waan bayuuf, isaan loliisaaf dhaqi» jedheen.16Daawiti akkuma Waaqi isa ajaje godhee, namoota ifii woliin, Giibe'onii jalqabee haga Gezeriititti loltoota worra Filisxeemotaa ari'e.17Gurri Daawitii lafa maratti dhage'ame; Mootiin Waan Maraalle gosi biyyi adda addaa akka isa sodaattu godhe.