Loltoota Daawititti Dabalamane
1Daawiti ilma Qiishii Saa'ol duraa dhokatee Siiqlaag keessa adoo jiruu, loltoota gootota duula keessatti isa qarqaarane keessaa ka gara isaa dhufane, ka asii gad jiranu:2Isaan worra guube'ee ka daaya harka middaatii fi bita'aatiin darbatiisa, dhakaalle qolaansiisa dande'u, gosa Beniyaamii keessaa fira Saa'olii ti;3Sooressitooti isaanii Ahii'ezerii fi Yo'aas; isaan lamaanuu ilmaan Shema'aa nama biyya Giibe'aatii ti; ilmaan Azmaweeyezii'elii fi Phelex, Beraakaa, nama biyya Anaatotii Yehuu,4nama biyya Giibe'onii Yishmaa'iyaa ka odduu loltoota soddomaatitti gooticha sooressa isaanii te'e; Ermiyaas, Yahaazi'el, Yohaannaan, nama biyya Gederaatii Yozaabaad,5Eluzaayi, Yeremoot, Belaayaa, Shemaariyaa, nama biyya Haruufii Shefaaxiyaa,6Elqaanaa, Yeshiiyaa, Azaarel, Yo'ezerii fi nama biyya Qoraahii Yaashaabe'aam,7nama biyya Gedoorii keessaa ilmaan Yerohaamii Yo'elaa fi Zebaadiya'a.8Daawiti kushee goomolee keessaa keessa adoo jiruu gosa Gaadii keessaa loltooti goototi gara isaa dhufane; isaan worra wonte'ee fi woraana qabatiisa beekanu, ka fuulli isaanii akka fuula neenqaa sodaachisuu fi ariitiin isaaniille akka buddannee gaara irraa ti.9Sooressitooti isaanii tokkeessoon Ezer, lammeessoon Obaadiyaa, sadeessoon Eliiyaab,10arfeessoon Miishimana'a, shaneessoon Ermiyaas,11jayeessoon Aataayi, torbeessoon Elii'el,12saddeetessoon Yohaanna'a, sagaleessoon Elzaabaad,13kudhaneessoon Ermiyaas, kudha tokkeessoon Maakbaanaay.14Isaan kun ajajjoota loltoota gosa Gaadii ti; isaan keessaa ajajaan diqqaan akka ajajaa loltoota dhibbaa ti; ajajaan guddaan akka ajajaa loltoota kumaa ti.15Isaan ji'a qaraa keessa, yennaa lagi Yordaanosii guute, gamatti bu'anee worra Yordaanos irraa karaa aduun baatuu fi karaa aduun seentu dhooqa keessa le'u mara ari'ane.16Gosa Beniyaaminiitii fi gosa Yihuda'aa keessaa namooti gariin gara kushee isaa Daawiti bira dhufane.17Daawiti isaan qophatiisaaf gara isaanii gad bayee isaaniin, «Isin nageyaaf, na qarqaariisaafille gara kiyya yoo dhuttanee jiraattane, isin fudhatiisaaf qophoweera. Adoo ani dokonkora tokko hin qabaatin, isin diina kiyyatti dabarsitanee na kenniisaaf gara kiyya yoo dhuttanee jiraattane ammoo, Waaqi abbootii teennaa isin dhagguu ti; isinille'etti muruu ti» jedhe.18Achiin duuba ayyaanni Waaqaa ajajaa loltoota soddomaa Amaasaayi irratti bu'ee,«Ee Daawiti, nuuti keeti;Ee ilma Iseyii nuuti si woliin jirra;Waaqi waan si qarqaaruufnageenni siif te'u!worra si qarqaaruufillenageenni te'uu ti» jedheen.Maarre Daawiti isaan fudhatee, sooressitoota loltoota ifii godhate.19Daawiti worra Filisxeemotaa woliin Saa'olii mooticha loliisaaf yennaa dhaqe, gosa Minaase'ee keessaa gariin finqilanee loltoota Daawitiititti makamane; te'uu malee Daawitii fi namooti isaa worra Filisxeemotaa hin qarqaarre; sababille sooressitooti Filisxeemotaa, «Daawiti, nu fixee gara goottaa ifii Saa'olii deebi'a» jedhanee waan sodaataneef, mari'atanee akka inni achii deemu godhane.20Yennaa Daawiti gara Siiqlaagii dhaqe gosa Minaase'ee keessaa, ajajjooti kumaa: Adiinaa, Yozaabaad, Yediyaa'el, Mikaa'el, Yozaabaad, Eliihuu fi Ziiletaay finqilanee gara isaa galane.21Isaan kun marti loltoota gootota waan te'aneef, loltoota isaa keessalle'etti ajajjoota waan te'aneef, worra Daawititti duule loliisaan isa qarqaarane.22Loltooti Daawitii akka loltoota Waaqaa haga bacatanutti, namooti isa qarqaarsiisaaf guyyuma guyya'aan gara isaa dhufane.Worri dhibiin Kebroonitti Gara Daawitii Dhufane
23Akkuma Mootiin Waan Maraa Daawitiif waadaa galetti, laakkossi loltoota lolaaf hidhatanee, mootummaa Saa'olii mootichaa gara isaa deebisiisaaf, Kebroonitti gara Daawitii worri dhufe ka asii gad jiru:24Wonte'ee fi eboo qabatanee lolaaf worri qophowane, namooti Yihuda'aa loltoota kuma jaa fi dhibba saddeeti.25Gosa Shimi'oonii keessaa loltooti goototi lolaaf qophowane, namoota kuma torbaa fi dhibba tokko.26Gosa Lewwi'ii keessaa loltoota kuma afurii fi dhibba jaa.27Akkasuma fira Aaronii keessaa Yehoyaadaa sooressaa isaanii woliin nama kuma sadii fi dhibba torba.28Dargaggeessa goota Zaadoqii fi maatii abbaa isaa keessaa ajajjooti diddamii lama.29Fira Saa'olii keessaa namooti Beniyaamii kum sad, isaan keessaa gariin irra caalaan haga bara saniititti Saa'oliif addatamane.30Namoota Efreemii keessaa, loltooti goototi fira abbaa ifii keessatti beekkamane kuma diddamaa fi dhibba saddeeti.31Namoota gamisa gosa Minaase'ee keessaa, ka maqaan isaanii galmeeffamee, Daawiti mootii godhatiisaaf dhufane, namoota kuma kudha saddeeti.32Sanyii Yisaakorii keessaa, worri bara hubatane, waan Israa'el maltelle worri beekane, fira isaanii worra ajaja isaanii jala jiranu mara woliin sooreyyiin dhibba lama.33Namoota Zebuloonii keessaa, loltooti meya lolaa maraan leenjifamanee lolaaf qophowane, ka gadhaa tokkochaan Daawiti qarqaariisaaf dhufane, namoota kuma shantama.34Sanyii Niftaalemii keessaa ajajjooti kuma tokko; isaan wolille'een worri wonte'ee fi eboo qabatu nama kuma soddomii torba.35Sanyii Daanii keessaa ka lolaaf qophowane, namoota kuma diddamii saddeetii fi dhibba jaa.36Sanyii Asheerii keessaa ka lolaaf leenjifamanee duulaaf qophowane kuma afurtama.37Worra laga Yordaanosii irraa karaa aduun baatu jiranu keessaa, namooti Ruubenii, namooti Gaadiitii fi gamisa gosa Minaase'ee ka meya lolaa mara hidhatane, nama kuma dhibba tokkoo fi kuma diddama.38Loltooti lolaaf qophootte tun martinuu gadhaa tokkochaan, Daawiti Israa'el irratti mootii godhatiisaaf gara Kebroonii dhufane. Namooti Israa'elii worri hafane martille, Daawiti mootii godhatiisaaf yaadi isaanii akkuma san tokko te'e.39Namooti kun waan firri isaanii isaaniif qopheessane nyaataa, unaa guyyaa sad Daawiti bira turane.40Israa'el keessatti yennaa gammadaa waan teeteef, namooti adaala isaanii jiranulle, lafa fagoo Yisaakor irraa, Zebuloonii fi Niftaalem irraa sagalee harreelle'etti, gaalotatti, gaangole'ee fi sangootatti fe'anee bullaa, bixee harru'uu, bixee midhaan woyni'ii, daadhii woyni'iitii fi zayitii bacaa fe'anee fidane. Sangootaa fi hooleelle fidanee dhufane.