1 Dabarsi'ii1gax_twf

Hidda Dhalootaa Addaamiitii Kaasee Haga Abrahaamii

Haga Ilmaan Nohii

1Addaam abbaa Sheetii ti; Sheet abbaa Enoshii ti;2Enoshi abbaa Qaayinaanii ti; Qayinaan abbaa Mahalalelii ti; Mahalalel abbaa Yaaredii ti;3Yaared abbaa Heenookii ti; Heenokii abbaa Matusaalaa ti; Matusaalaan abbaa Laamekii ti;4Laamekii abbaa Nohii ti; Nohi: Seemi, Kaamii fi Yaafet uumate.

Yaafetoota

5Ilmaan Yaafetii: Gomer, Maagoog, Maada'i, Yaawaan, Tubaal, Meshekii fi Tiiraas.6Ilmaan Gomerii: Ashkenaas, Riifaatii fi Togaarma'a.7Ilmaan Yaawaanii: Eliishaa, Tarshiish, Kitiimii fi Rodaaniim.

Kaamota

8Ilmaan Kaamii: Kuushi, Misraayiim, Fuxii fi Kana'aan.9Ilmaan Kuushii: Saabaa, Hawiilaa, Sabtaa, Ra'imaa fi Sabteka'a. Ilmaan Ra'imaa: Sheebaa fi Dedaan.10Kuushi, Niimrod uumate; Niimrod biyya lafaa keessatti loltuu jabaa qaraa te'e.11Misraayiim Ludiim, Anaamiim, Lehabiim, Naftuhiim,12Fatrusiim, Kasluhiim abbaa worra Filisxeemotaatii fi Kaftoriim uumate.13Kana'aan Sidoon uumate; Sidoon ilma isaa angaficha; itti aansee Heet,14Yibus, Amooro, Girgaasho,15Hiiwo, Arqo, Siino,16Arwaado, Simaaroo fi Kamaato uumate.

Seemota

17Ilmaan Seemii: Elaam, Ashuur, Arfaaksaad, Ludii fi Aaram. Ilmaan Aaramii: Uz, Hul, Geterii fi Meshek.18Arfaaksaad Shalaa uumate; Shalaan Ebeer uumate.19Ebeer ilmaan lama uumate; bara inni dhalate kolbaan biyya lafaa waan qoqoodanteef, maqaan ilma angafichaa, «Feleg» jedhame; maqaan obboleessa isaalle Yoqxaan.20Yoqxaan Almodaad, Sheleef, Hasarmaawet, Yaaraa,21Hadoraam, Uzaal, Diqilaa,22Obaal, Abiimaa'el, Sheebaa,23Ofiir, Hawiila'aa fi Yobaab uumate; isaan kun marti ilmaan Yoqxa'aa ti.24Hiddi dhaloota Seemii irraa haga Abraamii ka asii gad jiru: Seem, Arfaaksaad, Shalaa,25Ebeer, Feleg, Re'uu,26Seruug, Naahor, Taaraa fi27Abraam, ka duuba irra «Abrahaam» jedhame.

Ilmaan Abrahaamii

28Ilmaan Abrahaam: Yisihaqii fi Ishimaa'el.

Sanyii Aggaarii

29Sanyiin isaanii ta asii gad jirtu: ilmi Ishimaa'elii angafichi Nabaayoo ti; achiin duuba Qedaar, Adbi'el, Miibsaam,30Miishimaa, Dumaa, Maasaa, Hadaad, Temaa,31Yetuur, Nafiishii fi Qedima'a; isaan kun ilmaan Ishimaa'elii ti.

Sanyii Qexuuraa

32Ilmaan Abrahaamii ta Qexuuraan gursumeettiin isaaf deette: Zimraan, Yokshaan, Medaan, Miidiyaan, Ishibaakii fi Shuwa'a. Ilmaan Yokshaanii: Sheeba'aa fi Dedaan.33Ilmaan Miidiyaanii, Efaa, Efer, Henok, Abiida'aa fi Elda'aa. Isaan kun marti sanyii Qexuura'aa ti.

Sanyii Saara'aa

34Abrahaam, Yisihaq uumate; ilmaan Yisihaqii, Esaawuu fi Yaaqoob; Yaaqoobiin kun ka duuba irra, «Israa'el» jedhame.

Ilmaan Esaawu'uu

35Ilmaan Esaawu'uu: Eliifaaz, Rewu'el, Ye'ush, Yaa'alamii fi Qoraahi.36Ilmaan Eliifaazii: Temaan, Omaar, Zafoo, Gaataam, Qenaz; Tiimnaa irraa Amaaleqi uumate.37Ilmaan Rewu'elii: Naahaat, Zeraa, Shama'aa fi Miiza'a.

Kolbaa Jalqaba Edoom Keessa Qubatte

38Ilmaan Se'iirii: Loxaan, Shobaal, Zibe'on, Aannaa, Diishon, Ezerii fi Diishaan.39Ilmaan Loxaanii: Hoorii fi Hemaam; obboleettiin Loxaanii Tiimna'a.40Ilmaan Shobaalii: Alwaa, Manahaat, Ebaal, Shefoo fi Onaam. Ilmaan Zibe'onii: Ayyaa fi Aanna'a.41Ilmi Aanna'aa Diishon. Ilmaan Diishonii: Hemdaan, Eshibaan, Yitraanii fi Keraan.42Ilmaan Ezerii: Bilhaan, Zaawaanii fi Aqaan. Ilmaan Diishaanii: Uzii fi Aaraan.

Mootota Lafa Edoomii

43Kolbaa Israa'elii irratti mootiin tokkolle mootii te'ee adoo hin bulchiniin dura, moototi lafa Edoomii irratti mootii te'anee bulchane ka asii gad jiranu: Ilma Be'orii Belaa, ka maqaan qachaa isaa, «Diinhaabaa» jedhame.44Yennaa Bel'aan du'e, ilmi Yobaabii Zeraan nami qachaa Bozra'aa addee isaatitti mootii te'ee bulche.45Yennaa Yobaab du'e, Hushaam nami lafa Temaanaa addee isaatitti mootii te'e.46Yennaa Hushaam du'e, ilmi Bedadii Hadaad ka lafa Mo'aabiititti worra Miidiyaanii injifate addee isaatitti mootii te'ee bulche; maqaan qachaa isaa, «Awiit» jedhama.47Yennaa Hadaad du'e, nami biyya Masreqaa Samlaan addee isaatitti mootii te'ee bulche.48Yennaa Samlaan du'e, nami biyya Rehobotii ka laga Efraaxiisii biraa Shaawul addee isaatitti mootii te'ee bulche.49Yennaa Shaawul du'e, ilmi Akborii Ba'aal-Hanaan addee isaatitti mootii te'ee bulche.50Yennaa Ba'aal-Hanaan du'e, Hadaad addee isaatitti mootii te'ee bulche; maqaan qachaa isaa Phaayi; maqaan haadha manaa isaa Mahexaabel; isiin intala Maxiredii akkoo Mezahabii ti.51Hadaadille du'e. Worri lafa Edoomiititti sooreyyii gosaa te'ane: Tiimnaa, Alwaa, Yetet,52Oholiibaamaa, Elaa, Phiinon,53Qenaz, Temaan, Miibzaar,54Magdii'elii fi Iraam. Isaan kun sooreyyii gosa Edoomii ti.